Finfinneetti tajaajilli lafaa guutummaatti dijitaalatti jijjiirameera

162

Bitootessa 23/2016(TOI)- Finfinneetti tajaajilli lafaa guutummaatti dijitaalatti jijjiiramuusaa biiroon misooma lafaa fi bulchiinsaa Finfinnee beeksise.

Hoogganaan biirichaa obbo Sisaay Geetaachoo ibsa miidiyaaf kennaniin biiroon kun tajaajilamtootaaf tajaajila ammayyaa fi mijataa kennuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Yeroo ammaa Faayiloonni kuma 700 dijitaalatti jijjiiramuusaanii ibsanii, sarvariirratti fe’amuusaaniis himaniiru.

Tajaajiloonni 16 ammoo guutummaatti karaa onlaayinii waan jalqabameef maamiltoonni bakka jiranitti tajaajila argachuu akka danda’an ibsaniiru.

Tajaajila kennitoota akka taatee murteessoo, teeleebirrii fi kan fakkaatan waliin ta’uun maamiltootaaf tajaajila fooyya’aa kennuun ittiquufiinsa dabaluuf hojjetamaa jira jedhan.

Biiroon kun ‘siistama bulchiinsa odeeffannoo Teenuuyuur’ uumuun hojiirra oolchuu eibsanii, hojmaanni kun lammiileef tajaajila gurmaa’e kennuun bu’aqabeessa akka taasisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015