Itiyoo-telekoom hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee itti nifufa-Fireehiywoot Taammiruu

155

Ebla 08/2016(TOI)- ኢ Itiyoo-telekoom faayinaansii dabalatee hojiilee sirna dijitaalaa hammataa mirkaneessuuf jalqabe cimsee akka ittifufu hojiiraawwachiiftuun olaanaa Itiyoo –telekoom Fireehiywoot Taammiruu ibsan.

Itiyoo-telekoom appilikeeshinii haaraa “Tele birr-ingeej” jedhamu kaleessa galgala ifoomseera.

Maamiltoonni tajaajila Kanaan marii biizinasii kallattii nama dhuunfaa ykn garee taasisuuf odeeffannoowwan gabaa waljijjiiruuf, maallaqa erguu fi fudhachuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Akkasumas dhimmoota biizinasii akkasumas hawaasummaa biroo barreeffamaan, suuraadhaan, sagaleedhaan, viidiyoo fi bifa sanadaan waljijjiiruu nidanda’u jedhaniiru.

Kaampaanichi Itiyoophiyaa dijitaalaa damee hundaan dhugoomsuuf shojjetamaa jira jedhaniiru.

Keessumaa sirna faayinaansii dijitaalaa qaqqabaa taasisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Haala Kanaan appilikeeshinii “teelee birr-Ingeej” cehumsa faayinaansii dijitaalaa keessatti dhaabbilee daldalaa, mootummaa fi mitmootummaa gochuun dirree dinagdee dijitaalaa babal’isuuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Kaampaanichi hojiilee bu’uraaleen misoomaa  sadarkaa biyyaalessaatti ijaare Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf jalqabaman gargaaruun shoorrisaanii olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Kaampaanichi fuulduras tajaajiloota dijitaalaa haaraa hojeessuuf akka hojjetu ibsaniiru.

Itiyoo-telekoom karaa teelee birrii waggaa sadii dura hammattummaa faayinaansii dijitaalaa guddisuuf ifoomseen guyya guyyaatti gurgurtaa birrii biiliyoona 5 kan raawwatu yoo ta’u, waggoota 3 keessatti deddeebiin maallaqa birrii tiriiliyoonii 2 tuqaa 2 taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015