Haleellaa Saayibarii ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu qabu jedhame

419

Ebla 10, 2016 (TOI)- Guddina teeknooloojii hordofee haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekame.

Yaa’iin “Working Group” 10ffaan Biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaatti gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii fi jilli isaanii hirmaataniiru.

Aadde Tigisti Haamiid akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyooni miseensa ‘BRICS’ fi biyyoonni addunyaa dhimma haleellaa saayibariirratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiru.

Dhimmi nageenya odeeffannoo ajandaa murteessaa biyyootaa miseensa BRICS ta’ee itti fufuu akka qabu eeran.

Biyyonnni miseensa garichaas dandeettii yaaddoowwan haleellaa dandamachuun isaanii cimsuun naannawaa dijitaalaa nageenyi isaa amansiisaa uumuu akka qaban ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

Yaa’ichaan biyyoonni miseensaa, nageenya kominikeeshinii fi odeeffannoo, waljijjiirraa odeeffannoo, yaaddoowwan nageenya saayibarii ittisuuf akkasumas muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uun ibsameera.

Aadde Tigisti waltajjiichaan cinaatti biyyoota miseensa garichaa waliin haalaa nageenyaa saayibariirratti hojjechuu danda’amurratti mari’achuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015