Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra

169

Bitootessa 17/2016 (TOI)- Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyaatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

“Dijitaal Itiyoophiyaa 2025” namootaa kalaqaaf deeggarsa argamsiisuu fi imalaa dijitaalaaf haalota mijatoo uumuun diinagdee dijitaalaan akka jajjabaannu dandeettii uumeera jedhan.

Guyyaa har’aas gamaaggamaa raawwii karooraa bara giddugaleessaa gaggeeeffameen hanqinaalee jiran sakatta’uun akkasumas milkaa’ina imalaa kabajuuf carraa kan uume ta’uu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015