Yunivarsiitiin Madda Walaabuu Simpooziyeemii biyyoolessaa oomishtummaa Qamadii fooyyessuu irratti xiyyeeffate qopheesse.

252

Guraandhala 11/2016(TOI) - Simpooziyeemiin biyyoolessaa oomishtummaa qamadii fooyyessuu irratti xiyyeeffate qopheessummaa Yunivarsiitii Madda Walaabuutiin gaggeeffamaa jira.

Yuunivarsiitichi hojii baruufi barsiisuun alatti damee qonnaa, eegumsa qabeenya uumamaa, fayyaa fi misooma turizimii irratti qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuu beeksise.

Pireezdaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Ahimad Kaliil, yuunivarsiitichi baruu fi barsiisuun cinaatti rakkoo hawaasichaa irratti hundaa’uun qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan.

Keessattuu qonna, kunuunsa qabeenya uumamaa, fayyaa fi misooma tuurizimii irratti hojiiwwan qorannoo bal'aa kan gaggeessu ta’uus ibsaniiru.

Waggoota lamaan darbanitti oomishtummaa qamadii guddisuuf qonnaan bultoota godina Baalee lamaanii fi Arsii Lixaatiif deeggarsa sanyii filatamaa fi galteewwan qonnaa biroo taasisaa turuu akka fakkenyaatti hojii Yuunivastichaa keessaa eeraniiru.

Itti aanaan Pireezidaantii Dhimma Akaadaamii fi Qorannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniin akka jedhanitti, simpooziyeemii kana irratti qorattoonni fi qooda fudhattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi dhaabbilee qorannoo biyyattii adda addaa irraa affeeraman bu’aawwan qorannoo 12 ol ni dhiyeessu jedhaniiru.

Simpooziyeemiin kun gama qorannoo Qamadii irratti qormaataa fi filannoowwan jiran adda baasuuf carraa kan uumu ta’uus eeran.

Hirmaattonni simpooziyeemichaa yaada kennaniin, waltajjiin marii hayyoota walitti fide kun hudhaalee oomishaafi oomishtummaa mudachaa jiran adda baasuun fala kaa’uuf kan tumsu waan ta'eef yunivarsitichi sagantaa kana qopheessuu isaatti galateeffataniiru.

Waltajjii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanarratti qorattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaa fi dhaabbilee qorannoo qonnaa biroo irraa affeeraman, abbootii gadaa fi haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015