Yuunivarsiitiin Samaraa Yuunivarsiitoota biroo waliin ta'uun workishooppii qorannoo Galaana diimaa fi fedhii Itoophiyaarratti xiyyeeffate qopheesse

928

Mudde, 12/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin Samaraa workishooppii qorannoo Galaana diimaa fi fedhii Itoophiyaarratti xiyyeeffate qopheesse.

Yuunivarsiitichi workishooppii kana kan qopheesse Yuunivarsiitii Finfinnee, Maqalee, Dirre Dawaa fi Jijjigaa waliin ta'uun ta'uun himameera.

Workishooppichi yaada ijoo "Unlocking The Red Sea - A Journey through History, Geopolitics and International Law" jedhuun Mudde 13/2016 Yuunivarsiitii Samaraatti ni geggeeffama jedhameera.

Ambaasaaddar Ibirihaahim Idiriis , Doktar Yaaqoob Arsannoo fi Doktar Gabramasqal waltajjii qophaa'e kanarratti warqaa qorannoo mariif ta'u ni dhiheessu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015