Chaayinaan damee sammuu namtolcheetiin Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uushee ibsite

Mudde 10/2016 (TOI)- Chaayinaan damee sammuu namtolcheetiin Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii ta’uunshee ibsame.

Ministeerri saayinsii fi teeknooloojii fi inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf marii taasisaniiru.

Mariikanarrattis daarektarri inistiitiyuutii sammuu namtolchee Itiyoophiyaa injiinar Warquu Gaachanaa hojii inistiitiyuutichaa ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.

Dhaabileen lamaan hojiilee teeknooloojii, gabbisa dandeettii, qorannoo fi misoomaa waliin hojjechuu akka danda’an marii Kanaan himameera.

Hooggansa ministeera saayinsii fi teeknooloojii Chaayinaa kan ta’an Reen Hoongiboo dhaabbannisaanii inistiitiyuutichaaf deeggarsa addaddaa taasisuuf qophii ta’uusaa odeeffannoon inistiitiyuuticharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015