Bu'aawwaan Artefishaal Intalajensiin gargaramuun Dijitaal Tiransfoormeeshiniirratti bu'aan fooyyee qabeessii akka argamuuf hojjetama jira.

267

Ebla 4/2016(TOI) - Bu'aawwaan Artefishaal Intalajensiin gargaramuun Dijitaal Tiransfoormeeshiniirratti bu'aan fooyyee qabeessii akka argamuuf hojjetama jira jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee

Finfinneetti kaleessa galgala roobootiin ''Dastaa'' jedhamtu ogeessaa muuziqaa Jaaz hangafaa Mulaatuu Astaaxiqee waliin ta'uun agarsiisa muuziqaa dhiheesiteetti.

Agarsiisa muuziqaa kanarratti Itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunee dabalatee hoggantoonnii olaanoo hojii mootummaa, ogeeyyii hojii kalaqaa fi tekinolojiirratti bobba'an akkasuma keessummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee wayita kana akka himanitti; Itoophiyaan Artefishaal Intalajensii fi ce'umsa tekinolojii irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.

Artefishaal Intalajensiin kallattii xiyyeeffannoo addunyaa ta'uu eeranii keessaattu Itoophiyaattis ta'ee ardii Afrikaatti rakkoowwan wal xaxoo mudatan furuuf furmaata addaati jedhaniiru.

Kanaaf mootummaan mana maree dijtaal tiransfoormeeshinii dhaabuun Artefishaal Intalajensii fi filannoowwaan dijitalaa biroo irratti xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru.

Artefishaal Intalajesii fayyadamuun roobotiiwwan akka ''Dastaa'' uumuun xiyyeeffannoon inarsa dijtaal tiraansifoormeshiinii kenname cimee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015