Sirni teessoo dijitaalaa magaalaa Bishooftuutti hojeeffame

269

Guraandhala 14/2016(TOI)-Sirni teessoo dijitaalaa saayinsii ispeesiitiyoophiyaa fiinistiitiyuutii Ji’-spaashaaliin hojjetame  har’a magaalaa Bishooftuutti eebbifamee hojii jlqabeera.

Ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dabalatee daarektarri olaanaa inistiitiyuutii saayinsii speesii fi ji’oo–spaashaalii Abdiisaa Yilmaa, kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, keessummoonni afeeramansagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru.

Sirni teessoo dijitaalaa har’a eebbifamee jalqabame dhaabbilee fi manneen jireenyaa magaalattiitti argaman eessatti akka argaman beekuuf akka gargaaru eerameera.

Bulchiinsa lafaa fi odeeffannoowwan magaalattii biroo ammayyeessuuf akka dandeessisuu fi walitti dhufeenya dhaabbilee tajaajila kennanii fi tajaajilamtootaa mijataa akka taasisu akka ta’e himameera.

Sirni teessoo dijitaalaa tajaajiloota bulchiinsaa, dinagdee fi hawaasummaa karaa si’ataa ta’een hunda biraan gahuuf kan dandeessisudha jedhan.

Sochii jiraattonni iddoorraa iddootti taasisdan hir’isuuf, si’ataa gochuu fi bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii dhugoomsuuf qooda olaanaa akka gumaachu eerameera.

Sirni kun kenniinsa tajaajilaa magaalotaa si’achiisuu dabalatee sochii hawaasummaa fi dinagdee ammayyeessuuf akka gargaaru ibsameera.

Ijaarsa sirna dinagdee dijitaalaa qulqullinaa fi si’aayina barbaachisuun hojeessuuf akka dandeessisus beekamera.

Walumaa gala nageenya waa hundaa lammiilee eeguun guddina hawaasummaa fi dinagdee biyya tokkoof gumaacha guddaa akka qabaatu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015