Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan  dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesse

244

Guraandhala 29/2016(TOI)- Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan  dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesseera.

Waliigalteen kun garaagarummaa sirna –saalaa dijitaalaa dhiphisuu fi hammattummaa dijitaalaa dubartootaa guddisuu akka dandeessisu eerameera.

Hojii raawwachiiftuun muummee  Itiyoo telekoom Fireehiwoot Taammiruu fi hooggantoota inisheetiivichaa waliin Ispeen Baarsaloonaatti waliigalticha mallatteessuusaanii odeeffannoo Itiyoo telekoomirraa argame nimul’isa.

Waliigaltichi fayyadama intarneetii moobaayilii fi tajaajila maallaqa moobaayilii karaa teeleebirrii dubartootaa akka lakkoofsa Awurooppaa amma bara 2026tti guddisuuf akka ta’ee fi tajaajila intarneetii moobaayilii fi faayinaansii dijitaalaa hammataa dhiheessuuf kan xiyyeeffate dha.

Adde Fireehiywoot akka jedhanitti kaampaanichi hanqina sirna saalaa dijitaalaa amma mul’atu dhiphisuuf tajaajilootaintarneetii moobaayilii fi faayinaanshaalii moobaayilii dubartootaan gahuuf dubartoonni dinagdee dijitaalaa keessatti hirmaattotaa fi fayyadamooakka ta’an kutannoon hojjechaa akka jiru ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015