Dhaabbannii Oovid Guruup jedhamu Finfinneetti Teeknooloojiin ''Cable Car'' jedhamu hojiirra oolchuuf ta'uu beeksise.

197

Guraandhala 28/2016(TOI) - Dhaabbannii Oovid Guruup jedhamu Finfinneetti Teeknooloojii tajaajila geejibaaf ooluu konkolataa funyoonii (Cable Car) hojiitti galchuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera..

Dhaabbannii Oovid Guruup jedhamu kan damee ijaarsaa irratti magaalaa Finfinneetti ba'inaan bobba'ee jiru rakkoo geejjibaa magaalittii furuuf hojjetaa jiraachuu beeksiseera.

Hoji gaggeessaa olaanaan Ooviid Guruup Obbo Yoonaas Taaddasaa akka jedhanitti rakkoo geejjibaa jiraattota magaalitti hiikuuf teeknooloojii kana hojiitti galchuuf qorannoon hundaa xumurreera.

Tekinolojiin kun sarara Konkolaataafi Baaburaa magaalatti keessatti diriirfame jiru osoo hin tuqiin hojii kan eegalu ta'uus Obbo Yoonaas dubbataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015