Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsi magaalichaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee itti fufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 28/2018 (TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee itti fufuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebeeibsan.

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob damee Boolee har’a eebbifamee hojii eegaleera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Dr.Warquu Gaachanaa, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti,kenniinsa tajaajilaa bulchiinsichaa saffisiisuuf yoomiyyuu caalaa xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Sirna kenniinsa tajaajilaa bulciinsichaa si’ataa gochuuf kutannoon hojjechuu keenya itti fufneerra jedhaniiru.

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob dameen Boolee kenniinsa tajaajia bulchiinsichaa guddaa ammayyeessuun fi bu’aa ba’ii lammiileera gahu hir’isuun cehumsa dinagdee dijitaalaa si’achiisuuf nigargaara.

Wiirtuun kun bu’urri misoomaa dijitaal teeknooloojii kan guuttate waan ta’eef tajaajila hannaa fi hojmaata badaarraa bilisa ta’e kennuuf ni gargaara jedhaniiru.

Hojmaata walxaxaa Kanaan dura ture salphisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatu ni gargaara jechuun dubbatan kantiibaa Adaanech.

Bulchiinsi magaalichaa tajaajila kennu ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee ittifufuusaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015