Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegale - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegale
Sadaasa 8/2018(TOI)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegaleera.
Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa tajaajila wiirtuu tokkoo (Koraa) naannichaa eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.
Bulchaa naannoo Affaar Awwal Arbaa dabalatee ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii, komishinariin komishinii Siviil Sarviisii Dr. Makuriyaa Hayilee akkasumas hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru.
Kenniinsi tajaajila wiirtuu tokkoo Masoon wiirtuu hawaasni karaa dijitaalaa salphaatti tajaajila itti argatudha.