Hojiilee miidiyaa ilaalcha addunyaan Afriikaaf qabdu jijjiiranirratti xiyyeeffanameera - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee miidiyaa ilaalcha addunyaan Afriikaaf qabdu jijjiiranirratti xiyyeeffanameera

Fulbaana 27/2018(TOI)-Mootummaan qabiyyeewwan miidiyaa Ilaalcha Adduunyaan Afriikaaf qabdu jijjiiran akka hojjetamaniif deeggarsa barbaachisaa taassisuuf kutannoo qabaachuu beeksise.
Ministirri Muummee Dr.Abyiyyi Ahimad Miidiyaa “Pulse Of Africa ” hojii eegalchiisaniiru.
Miidiyichi Ilaalcha Addunyaan Afriikaaf qabdu jijjiiruu fi Milkaa’inootaa fi wantoota Afriikaan itti boontu olkaasee mul’isuuf kan dhaabbatedha.
Magaalaa Finfinneetti kan argamu Miidiyaan “Pulse Of Africa” seenessa Afrikaarra jiru akka jijjiiramu kaayyeeffateera.
Yeroo dhihoo Miidiyaa “Pulse Of Africa” kan daawwatan Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Mootummaan Miidiyichi sagalee fi bifa Afriikaa akka ta’uuf deeggarsa taassisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Seenaan Itiyoophiyaa koloneeffataa kamiinuu kan hin bitamne biyya birmadummaa ta’uushee waliin kan wal qabatudha jedhaniiru.
Utubaa seenaa kanaa ka’umsa godhachuun Itiyoophiyaan miidiyaa “Pulse Of Africa ” gama miidiyaan qooda gaggeesuummaashee fudhachuun ajandaa Afriikaa miidiyaa Afriikaan idileessuun ergamashee bahu qabdi jedhaniiru.
Miidiyaan “Pulse Of Africa ” Seenessa Afriikaa dhugaa boonnee /ija jabinaan/ waliin dubbachuu qabna jechuun ibsaniiru.
Itti aanaan ministira Muummee Miidiyaan “Pulse Of Africa” Afirikaanonni dhimma matasaanii hammattoo ofiisaanii kan itti dubbatan akka ta’u amantaan guutuun qaba kan jedhan yoo ta’u motummaan mul’ata kana akka deeggaru hubachiisaniiru.
Miidiyaa Kompileeksii Ammayyaa fi Istudiyoo of keessatti kan qabate ta’uu ibsuun, Miidiyichi sagalee Afriikaa Addunyaaf dhageessisuuf akka ulaa seensaa ta’ee akka tajaajilu ibsaniiru.