Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan.
Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera
Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru.
Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru.
Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru.
Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru.
Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru.
Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru.
Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.