Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa Keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa 4 Leenjii Koodingi bilisaan fudhataniiru-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa18/2018(TOI)-Itiyoophiyaa Keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa 4 Leenjii Koodingi bilisaan fudhachuu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad  ibsan.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Manni Maree bakka bu’oota uummataa  

bara hojii waggaa 5ffaa yaa’ii Idilee 2ffaa  wayita gaggeessu gaaffii fi yaada ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dijiitaalayizaashinii ilaalchisuun ibsa kennaniin  Itiyoophiyaa keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa4 leenjii koodingii bilisaa fudhataniiru jedhaniiru.

Kunis lakkoofsa guddaa ta’uu eeruun Maamiltoonni Miiliyoona 93 fayyadamtoota tajajila Teelekoomii yoo ta’an lammiileen miiliyoona 55 fayyadamtoota mobaayil baankiingii  ta’uu danda’aniiru jeechuun ibsaniiru.

Kunis Itiyoophiyaa Dijiitaalayiz gochuuf hojiin eegalame yeroo gabaabaa keessatti   jijiirama qabatamaa fidaa jiraachuusaas agarsiistuudha jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015