Itiyoo-koodarsiin dandeettii dorgommii idil addunyaa lammiilee guddisuun ijaarsa dinagdee dijitaalaaf qooda ijoo bahachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo-koodarsiin dandeettii dorgommii idil addunyaa lammiilee guddisuun ijaarsa dinagdee dijitaalaaf qooda ijoo bahachaa jira
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Itiyoo-koodarsiin dandeettii dorgommii idil addunyaa lammiilee guddisuun ijaarsa dinagdee dijitaalaaf qooda ijoo bahachaa akka jiru ministeerri innoveeshinii fi teeknooloojii beeksise.
Sagantaan Inisheetiivii Itiyoo-koodarsii miiliyoona 5niin eegalame dirree leenjii lammiileen beekumsaa fi ogummaa karaa onlaayinii itti argatan uumeera.
Inisheetiivii Kanaan lammiileen kaffaltii malee bakka jiranirraa karaa intarneetii leenjii pirogiraamingii, Saayinsii Daataa, Andirooyidii fi hubannoo nam-tolchee akka hordofan gochaa jirti.
Ministeera innoveeshinii fi teeknooloojiitti dursaan hojii raawwachiisaa misooma dinagdee dijitaalaa Siyyum Mangashaa, bu’uraaleen misoomaa dijitaalaa tajaajiloota mootummaa mijeessuun milkaa’ina qabatamaa galmeessisaa jiru jedhaniiru.
Leenjiim koodarsii erga eegalamee asitti pirogiraamingii, Saayinsii Daataa, Andirooyidii fi hubannoo nam-tolcheenlammiileen miiliyoona 2 tuqaa 4 leenjii fudhachaa jiru jedhaniiru.
Kanneen keessaa miiliyoona 1 tuqaa 6 leenjii xumuranii sartifikeettii fudhatanii sartafikeettii fudhachuusaanii beeksisaniiru.
Xumura bara bajataa 2018 lammiilee leenjii Itiyoo Koodarsii fudhatan miiliyoona 4’n gahuuf naannolee fi qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.