Gahumsaa fi dandeettii Itiyoophiyaa Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa Argeera–Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Gahumsaa fi dandeettii Itiyoophiyaa Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa Argeera–Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Sadaasa 8/2018(TOI) –Humna Raawwachuu fi gahumsa Itiyoophiyaa Inistitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa argeera jechuun Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Waajjirri Olaanaan inistiitiyuutii hubannoo namtolchee bakka duraan ture jijiiruun gamoo Birodcaastii Korporeeshinii Itiyoophiyaa duriitti yeroo darbe Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ergaa dabarsaniiru.
Ergaasaaniin,waliigala guyyaa hara’aa waan arge namni mul’ata ifa yoo qabaate, naamusa olaanaan kan hojjetu yoo ta’e , waan tokko akka yaadetti milkeessuu akka danda’u argeera jedhaniiru.
Wanti rawwatamaa jiru hundi Itiyoophiyaanotaan ta’uunsaa Itiyoophiyaan biyya humna raawwachuu danda’u qabaachuushee argeera jedhaniiru.
Gamoo fi bakka qabnu nuuf ta’a jennee yaannee yoo hojjenne baay’ee kan miidhagan ta’uu akka danda’an argeera jedhaniiru.
Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa sadarkaa dhaabbataatti kan eegalchiisne Naannoo Waggaa shaniit kan jedhan Ministirri Muummee, yeroo ammaa hojiin ijaarsa dhaabbataa baay’ee kan dinqisiifatamu ta’uu dubbataniiru.
Mul’annii fi naamusni yeroo wal-argatu maal uumuun akka danda’amu dhaabbanni kun agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.
Hubannoo namtolcheen bakka hojiitti qofaa hanga ammaatti yoo fudhatame Itiyoophiyaaf agarsiistuu, ilaalcha haaraa, yaadama haaraa, kan ibsuu fi argisiisu, hojiif baay’ee kan mijate dhaabbataa fi bakka dargaggoon yeroo dheeraa hojjechuu kan danda’an ta’eera jechuun ibsaniiru.
Waggaa Shanan har’aa yaada Artiifishaal intelejensii jedhu yeroo yaadnu dhaabbanni haa uumamu yeroo jedhamu nu keessaa yaanni kun kan hin liqimfamneef hedduu ture.
Haata’u malee hubannoon namtolcheen dhalli namaa haala itti yaadu, kan itti xiinxalu, filannoowwan, daandii itti argu bocaa dhufeera jechuun ibsaniiru