Tamsaasa Kallatti:

Diree Dawaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa akka argannu nu  taassiseera-  Tajaajilamtoota

Onkoloolessa 28/2018(TOI)-Tajaajilliwiirtuu tokkoo Masoob  deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jechuun  jiraattonni bulchiinsa Diree Dawaa TOI’n dubbise ibsan.

Diree Dawaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo  Masoob Ministirri  tajaajila Koomunikeeshinii Mootummaa  Innaatalam Mallasaa fi  Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa  Kadir Juhaar  fi hoggantoonni biroon bakka argamanitti Fulbaana 15 bara 2018  ifatti hojii eegaluunsaa ni  beekama.

Tajaajilichaan boqonnaa jalqabaan dhaabbilee adda addaa kudhan teekinooloojiin deeggaramuun tajaajiloota 28 kan kenna nyoo ta’u, kanaanis maamiltoonni hedduun keessummeeffamaa jiru.

Nammonni gidduu gala tajaajilichaatti argaman TOI’f akka ibsanitti, tajajilli wiirtuu tokkoo  Masoob deeddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa akka argannu nu dandeessiseera jedhaniiru.

Jiraattonni gidduugalichatti tajaajilaman akka ibsanitti, gidduugala hoj-maata dijitaalaan gurmaa’een tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa argachuuf nu dandeessiseera jedhaniiru.

Tajaajilamtoota keessaa obbo Abbabaa Asaffaa fi Aadde Biraanee waldasillaasee, tajajilichi maallaqaa fi yeroo, kan qusatu akkasumas, deddeebbii kan hanbisu  waan ta’eef gammadneerra jedhaniiru.

Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hunda caalaa tajaajilamtootaaf hiika guddaa kan qabu waan ta’eef bakkeewwan hundatti otoo babal’ate gaariidha jechuun yaadasaanii kennaniiru.

Obbo Adam Aliyyii fi Fandishee Taajuu  yaada kennaniin dhaabbilee adda addaa bakkwwaan walirraa fagaatanitti tajaajilli kennamaa turan, wiirtuu tokkotti argachuu keenyaan hojimaata itti gammadnedha jedhaniiru.

Hojmaatni akkasii jijjiiramni bu’uuraa kan itti argamu deddeebbii hanbisuun tajaajila si’ataa kennuuf kan dandeessisu waan ta’eef babal’achuu qaba jedhaniiru.

Biiroon sivil sarviisii fi qabeenya  nama Diree Dawaa  gidduugalichatti dhaabbilee dabalataa biroo tajaajila eegalchiisuuf qophii taassisaa jiraachuu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015