Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa ni argatu - ENA Afaan Oromoo
Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa ni argatu

Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutiin Miitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.
Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen akka beeksisetti, kutaalee biyyattii Kanaan dura rooba gannaa argachaa turan kutaaleen biyyaa Lixaa fi kibba lixaa rooba itti fufaa ni argatu.
Gama buraatiin kutaalee biyyattii Kaabaa lixaa fi Kaabaatti roobba hin eegamne xiqqaa akka argatan odeeffannoowwan Miitiwoorooloojii ni mul’isu jedheera.
Baaroo Akooboon, Oomoo, Gibe, sululli qinxaamaa jiddu galeessaa fi gadii, Gannaalee Daawwaa gubbaa fi jiddu galeessaa, Waabii Shabalee gadii fi jiddugaleessa, Ogaadiin gadii, abbayyi gadii fi Takazeen gadii jiidha jiddugaleessaa akka argatan ibsicha keessatti eerameera.