Naannoo somaaleetti lammiileen kuma 340 ol waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa fudhachuuf galmaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo somaaleetti lammiileen kuma 340 ol waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa fudhachuuf galmaa’aniiru
Sadaasa 3/2018(TOI)-Naannoo Somaaleetti galmee waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa dhaqqabamaa taassisuun lammiileen ijaarsa Dinagdee Dijiitaalaaf qooda mataasaanii akka bahan taassifamaa jiraachuu qindeessaan sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaa naannichaa beeksise.
Qindeessaan Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaan Riijinii Bahaa Naannoo Jigjigaa Geediyoon Geetachoo TOI’f akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijiitaalaa faayidaa lammiileen tajaajila hedduu haala si’ateen akka aragatan isaan dandeessisa.
Waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaan ijaarsa Dinagdee dijiitaalaa Itiyoophiyaan qabatteef qooda murteessaa gumaacha jedhabniiru.
Kanaanis naannichatti fayyadamummaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun ijaarsa Dinagdee dijiitaalaan hirmaannaasaanii mirkaneessuuf gurmaa’insootaa fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Godinaalee naannichatti argamananittii fi Aanaalee 66tti manneen Barnootaatti, Yunvarsiitotatti, Baankiiwwanitti, giddu galawwan daldalaatti akkasumas dhaabbilee mootummaa birootti galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Naanichatti sagantichi erga eegalee Caamsaa bara 2017 irraa eegalee hanga ammaatti namoonni kuma 340 galma’uusaanii eeruun, kana keessaa kuma 180 kan ta’an Aanaalee fi godinaalee magaalaa Jijjigaa ala ta’anitti ta’uu eeraniiru.
Naannichatti hanga waxabajjii 2018tti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 8 ol galmeessuuf karoorsuu ibsuun, bara baajatichaa baatii jalqabaa qofa namoonni kuma 160 ol galmaa’uusaanii dubbataniiru.
Hawaasichi galmee booda Itiyoo tele koomii fi dhabbilee beekamtii qaban irraa Waraqaa eenyummaa dijiitaala fudhachuun of-eeggannoon fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.