Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha - ENA Afaan Oromoo
Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha
Sadaasa 08/2018(TOI)-Agarsiisni Fooramii Magaalota 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiise ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru.
Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti mata duree "Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamaa jira.
Hogganaan Giddugala sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti Qindeessaan qindeessa Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah agarsiisa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama.
Ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii agarsiisa qophaa'e daawwataniiru.
Dawwannaa isaaniin walqabatee turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti, fooramichi guddina magaalotaaf shoora olaanaa qaba.
Hawaasni magaalota adda addaa keessa jiraatus bakkatti muuxannoo wal jijjiiran ta’uu eeraniiru.
Agarsiifni kuni bakkatti magaalonni walbaraniin dabalatatti, hojiileen kalaqaa bakkatti muuxannoon waljijjiiramu ta’uu eeraniiru.
Mootummaa ida’amuu keessa magaalaaleen bakka beekumsi teeknooloojii itti maddu ta’uun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu beeksisaniiru.