Xiyyeeffannoon mootummaan kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Xiyyeeffannoon mootummaan kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa qaba
Onkoloolessa 25/2018(TOI)- Xiyyeeffannoon mootummaan hunmna Niwukilarif kenne wiirtuu ga’ooma ri’aktarii Niwukilarii Yunivarsiitichaa cimsuuf qooda guddaa akka qabu Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee ibse.
Yunivarsiitichi karoora misooma humna niwukilaraan biyyittiin qabatte milkeessuuf damichaan qorannoo gaggeessuu fi humna nama leenji’ee horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru beeksiseera.
Pirojektoota birrii biiliyoona 30’n akka ijaaraman Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad eebba hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicharratti ifoomsan keessaa niwukilaar pilaantiin isa tokkodha.
Manni maree ministirootaa walgahii idiee 49ffaa Onkoloolessa 4 bara 2018 gaggeesseen dambii komishinii humna niwukilaaraa hundeessu irrattimurtoo kan dabarse yemmuu ta’u ministirri muummee komishinara komishinichaa muuduunsaanii ni beekama.
Itti aantonni pirezidaantii Yunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Finfinnee turtii TOI walin taasisaniin humni niwukileerii filmaattota anniisaa qulqulluu keessaa isa tokkoo fi hojii addaddaaf faayidaa kennuu kan grgaarudha.
Yunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Dr. Abriham Dabbabaa akka jedhanitti, wiirtuu ga’ooma Saddet Yunivarsiitichi qabu keessaa teeknooloojiin niwukilar ri’aaktariin isa tokkodha.
Yuunivarsiitichi waggoottan saddet darban damee kanarratti hojjechaa turuusaa yaadachiisanii, bara 2016 irraa eegalee, sagantaa maastarsiin barsiisaa akka jiru dubbataniiru.
Niwukilar pilaantii ijaaruuf karoorfamuusaa fi komishiniin humna niwukilaaraa Itiyoohiyaa hundaa’uunsaa hojii Yunivarsiitichi itti jiruuf humna dabalataa akka uumu dubbataniiru.
Yuunivarsiitichatti itti aanaan pirezidaantii dhimmoota akkaadaamiikii Dr. Kamaal Ibraahim gamasaaniin, Niwukilaar pilaantiin anniisaa anniisaa filmaataa argachuuf faayidaa akka qabu beeksisaniiru.
Yunivarsiitichi anniisaan niwukilaaraa faayidaa tajaajila nagaaf qabu hubachuun waggaa saddet dura wiirtuu ga’oomaa teeknooloojii niwukilaar ri’aaktarii hundeessuusaa dubbataniiru.
Xiyyeeffannoon mootummaan anniisaa niwukilaariif kenne tattaaffii Yunivarsiitichi eegale akka cimsu kan ibsan ammoo itti aanaa pirezidaantii dhimmoota bulchiinsaa Dr. Tamasgeen Wandimmuuti.
Yunivarsiitichi komishinii humna niwukilaarii Itiyoophiyaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru.