Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba

Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan wal qabatu ta’uu hubachuun hojiileen qindoominaa damee Kanaan hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan.
Sirni jalqabsiisa baatii nageenya Saayibarii biyyaalessaa 6ffaan gaggeeffamaa jira.
Hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ergaa dabarsaniin waggoottan jijjiiramaa darban gama hundaanuu hojiileen misoomaa milkaa’oon hojjetamaniiru.
Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa giddicha dabalatee Pirojektoonni gurguddoon eebbifaman fi eegalaman kan bayyanachuun Itiyoophiyaa jalqabamuu agarsiisan kutannoo mootummaan misooma egeree fi guddinaaf qabu qabatamaan kan agarsiisanidha jedhaniiru.
Hojmaattota dijitaalaa sochii guyyuu lammiilee fi tajaajila mootummaa si’achiisan hojeessuun jijjiiramoonni qabatamaa argamuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa tajaajiloonni dhaabbileen kennaman 900 ol karaa teeknooloojii tajaajilamtootaaf kennamaa akka jiran eeraniiru.
Teeknooloojii fi misoomni waliin deemu kan jedhan ministirri kun, nageenyi misoomaa eegamee akka turu gochuurratti xiyyeeffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan walitti hidhamu waan ta’eef hojiileen damee Kanaan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban hubachiisaniiru.
Kanaaf ammoo hojiileen hubannoo karaa addaddaa kennaman qooda guddaa akka qaban eeraniiru.
Baatiin nageenya Saayibarii hojiilee akka biyyaatti nageenya Saayibarii irratti hojjetaman hubachiisuuf carraa kan uumuu fi hojmaata qindaa’aa dhaabbilee cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Kanaaf hojiileen nageenya Saayibarii ilaalchisuun guutuu biyyaatti raawwataman karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hundi qoodasaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.