Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa babal’isuuf hojjetamaa jira – Biiricha

Sadaasa 9/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa dhaabbilee Wal’aansaa hundatti bal’isuun wal’aansa si’ataa dhaqqabamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise.

Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaan ifatti akka taa’etti tajaajilawwan mootummaa ammayyeessuun dijiitaala fayyaa dabalatee dameelee hedduu babal’isuun hojii tokkodha.

Tajaajila Damee fayyaa dijiitalaayizii gochuuf siistemoota misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo teekinooloojii (ICT) diriirsuu, bulchiinsa Dijiitaalaa dhugoomsuu, akkasumas sirna hoj-maataa qopheessuun sadarkaa biyyoolessaatti hojiirra oolchuun hojiiwwan gurguddoodha.

Itti Aanaann hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kibabaaw TOI’f akka ibsanitti, sirni dijiitaala fayyaa tajaajila fayyaa si’ataa, qulquullinasaa kan eeggatee fi Amansiisaa gochuu dandeessisa.


 

Kun akka dhugoomu hospitaalota naannichaa filataman keessatti tajajila dijiitaalaa fayyaa waraqaarraa bilisa ta’e sadarkaa payileetiitti hojiirra oolee bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Kunis kenna tajaajila fayyaa ifa, dhaqqabamaa, ariifataa gochuu fi imala dijiitaalaayizeeshinii akka biyyaatti eegalameef boqonnaa guddaa banaa akka jiru dubbataniiru.

Yeroo ammaa Hospitalota Naaannicha keessa jiran hundatti, sadarkaa buuftaa fi keellaa fayyaatti, babl’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii gaggeessan hospitaala waliigalaa Bishooftuu Dr.Taaddasaa Gonfaa gamasaaniin, hospitaalichi dhukkubsattoota miliyoona 3’f tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, tajaajilawwan wal’aansa gosa hundaa guutummaa guutuutti dijitaalayizii gooneerra jedhaniiru.


 

Kunis deddebbii yaalamtootaa hir’isuun tajaajilamtoonni salphaatti ogeessotasaanii waliin akka wal hubatan gochuun tajaajila ariifataa akka argatan taassiseera jedhaniiru.

Tajaajilli Dijiitaala Fayyaaa hojiirra ooluuun wal’aanamtootaaf tajaajilli qulqullina qabu akka kennamu taasisuurra darbee deddeebbii Yaalamtootaa hir’iseera kan jedhan immoo hojii gaggeessa walii galaa hospitaala Gindhiir Nuur Zalaami dha.

Dijiitaalli fayyaa hojiimaata dameelee adda duree jijiiramaa Ammayyaa’aa fayyaa fidaa jiran keessatti kan eeraman ta’uu hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa tajaajilamtoota miiliyoona lama ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu dubbachuun sirna dijiitaala fayyaa diriirfamuun tajaajilichi si’ataa fi bu’aa qabeessa taasiseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015