Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha - ENA Afaan Oromoo
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha

Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama.
Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama.
Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha.
Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru.
Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru.
Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru.
Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru.
Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru.
Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan.
Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru.
Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru.
Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru.
Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.