Tamsaasa Kallatti:

Teekinooloojiin deeggaramuun Hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – Ejensicha

Onkoloolessa 29/2018(TOI)-teekinoolojiiwwan haarawaan deeggaramuun hoj-maata badaa hanbisuuf tattaaffiin taassifamu cimee akka ittifufu Magaalaa Finfinneetti Ejensiin Galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa fi civililii beeksise.

Ejensichatti Daarektarri naamusaa fi farra malaammaltummaa Asnaaqechi Muhiyyee TOI’f akka ibsanitti, dhaabbatichi dhimmoota riifoormii guutuu gaggeesse keessaa hoj-maata teekinooloojii babal’isuudha.

Bu’uuruma Kanaan tajaajilli kan kennamu siistamaan ta’uu eeruun kunis giddu galeessarra  taa’uun tajaajiloota aanaatti kennamaa jiran ilaaluu kan dandeessisudha.

Yeroo ammaa teekinooloojiiwwan adda addaa tajaajila kennaa jiran foyya’aa jiraachuu eeruun, yeroo dhihootti gara hojiitti galchuuf qophiin taassifamaa jirachuu beeksisaniiru.

Hoj-maata badaa hanbisuuf hojmaanni teekinooloojiin deeggarame bu’a argamsiisaa jira kan jedhan daarektarri kun, fuuldurattis caasaalee hanga Aanaa jiran hojiiwwan teekinoloojii haarawaan deeggaraman itti fufu jedhaniiru.

Hoj-maata badaa waliin wal-qabatee bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaan ogeeyyii 17 fi abbaa dhimmaa tokkorratti tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu fi dhimmisaanii seeraan qabamuu ibsaniiru.

Bara baajataa 2015 hanga 2017tti ragaa sobaan tajaajilamuu kan yaalan tajaajilamtoonni 188 fi dursaawwan gareenii fi  ogeeyyii  hoj-maata cabsan  immoo  tarkaanfiin seera qabeessi irratti fudhatamuu ibsaniiru.

Adeemsa Hoj-maata badaa ittisuu fi to’achuuf keessatti shoorri teekinooloojii olaanaa ta’uu eeruun, gochichi waggaa waggaan hir’achaa dhufuu dubbataniiru. 

Tajaajilamtoonni ragaa sirrii dhiheessanii tajaajila argachuu akka danda’ani hubachiisuun, Alseerummaan yeroo isaan mudatu bilbila bilisaa 7533n eeruu akka  kennan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015