Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname
Sadaasa 2/2018 (TOI)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii eebbifamee tajaajilaaf baname.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii bulchaan naannichaa Ordiin Badrii fi itti aantuu Komishinaraa komishinii paabiliik sarviisii FDRI Almaaz Massalaa bakka argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banameera.
Wiirtuun magaalichatti ijaarame boqonnaa jalqabaatiin dhaabbilee toorbatti tajaajiloota 22 qindeessuun kan kennu ta’uun beekameera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Hararii akkaataa tajaajiloota kanneen karaa qindaa’een kennuuuf gargaaruun humna namaa fi teeknooloojiin gurmaa’ee hojii eegaluun ibsameera.
Bulchaa naannichaa Ordiin Badrii fi itti aantuu Komishinaraa komishinii paabiliik sarviisii FDRI Almaaz Massalaa dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.