Tamsaasa Kallatti:

Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf  dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa  

Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise.

Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa  Afrikaa  Magaalaa Finfinneetti  har’aa eegalee  ni gaggeeffama. 

Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota  dursitoota  Innooveeshinii Ardii  gochuu ”jedhuun  gaggeeffamaa jira.

Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau.

Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun  hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera.

 Sammuun Afrikaa Qaroome  dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi  carraawwan waliin walquunnamsiisuun  hojii Innooveeshinii  guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera.

Gamtaan Afriikaa  furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera.

Gamtichatti  karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii  dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera.

Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa  hundeessuun  humna  innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf  fayyadamaa jiraachuu  beeksiseera.

Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti  hirmaannaa qaban  furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira.

 Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota  shamarranii  Umriinsaanii  waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee  Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii  deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira.

Kunis  hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate  kalqni teekinooloojii akka guddataniif  kan dandeessisu ta’uu  Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa.

 Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063  milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi  misooma fulla’aa mirkaneessuuf  kallatti  mul’ataa akka ta’uuf  hojjechaa jiraachuu  ibseera.

Festivaalli Innooveeshinii  hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni  tura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015