Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiifteetti

Fulbaana 30/2018(TOI)- Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiisuu akka dandeesse hooggantuun pirees sekreetaariyaatiin waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan.

Yaa’iin hooggantoota ‘COMESA’ 24ffaan kaleessa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera.

Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni biyyoota miseensa ‘COMESA’ irraa walitti dhufan yaa’icharratti hirmaataniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad  yaa’icharratti dubbii dubbataniin ajandaa fooyyessa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaaf dijitaalaayizeeshiniin utubaa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Bu’ura misoomaa cimaa kan akka inisheetiivii leenjii koodarsii ijaaruu fi ogummaa bal’aa horachuutiin Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisaa akka jirtu eeruusaanii hooggantuun pirees sekreetaariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum dubbataniiru.

Carraaqqiiwwan hedduun kunneen guddinaa fi jijjiirama Itiyoophiyaa gaggeessuu fi bu’ura misoomaa dijitaalaa cimaa uumuuf kutannoo qabdu kan agarsiisan ta’uu eeraniiru.

Hojiileen Itiyoophiyaan jalqabde kan akka sirna waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajiloota mootummaa atomeet gochuun guddina damee dijitaalaaf akka fakkeenya ijootti kan fudhataman ta’uu eeraniiru.

Sagantaaleen inisheetiivii akka akka leenjii koodarsii Dargaggoonni ogummaa dijitaalaa qabaatanii damee Kanaan jijjiirama qabatamaa akka fidan kan gargaaran ta’uu ta’uu eeraniiru.

Ministirri muummee dubbii dubbataniin carraaqqiiwwan dijitaalaayizeeshinii biyya keessaa bu’aa guddaa akka agarsiisan galmoota riijinii waliin walsimuu akka qabu dubbachuusaanii hoggantuun kun ibsaniiru.

Itti dabaluunis, ministirri muummee dargaggoonni Afriikaa misoomaa fi guddina Ardichaaf qabeenya ijoo ta’uusaanii kaasuusaanii eeraniiru.

Biyyoonni Afriikaa kennaa fi dandeettii gabbataa dargaggoota ardichaatti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015