Diinagdee - ENA Afaan Oromoo
Diinagdee
Naannichatti waltajjiin waldaalee hojii gamtaa cimsuu fi ammayyeessuuf akeekkate taa’amaa jira
Apr 22, 2024 96
Ebla 14/2016 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti Waltajjiin waldaalee hojii gamtaa cimsuu fi ammayyeessuuf akeekkate magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira. Ittaanaan bulchaa bulchiinsaa naannoo Sidaamaa obbo Bayyanaa Baraasaa, Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Faantaayee Kabbadaa,fi hooggantoonni naannoleerraa sadarkaan jiranii fi hooggantoonni damee addaddaa waltajjicharratti argamaniiru. Kana malees hooggantoonni waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyeenotaa qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru. Daarektarri olaanaa ejensii misooma hojii gamtaa naannichaa obbo Shimallis Haxiisaa akka jedhanitti, waldaalee hojii gamtaa riifoormii gochuun kan barbaadameef baay’ina osoo hintaq’iin qulqullinaa fi bu’aqabeessummaatti ceesisuuf akeekameetu. Haala Kanaan humna waldaalee walitti fiduun waldaalee hojii gamtaa cimaa uumuun akka barbaachisuu fi kun ammoo faayidaa olaanaa akka qabuhimaniiru. Fayyadama miseensotaa egeree fi nageenya waldaalee mirkaneessuuf riifoormii adeemsisuun barbaachisaa ta’uu beeksisaniiru. Waltajjii Kanaan cinaatti agarsiifnii fi Baazaariin waldaaleen hojii gamtaa fi Yuuniyeenonni adeemsifamaa jira.
Kantiibaa Adaanech Abeebeehojii misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru daawwatan
Apr 22, 2024 83
Ebla 14/2016 (TOI)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeehojii misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru kaleessa galgala daawwataniiru. Misoomni kooriidaraa kun magaalatti kan ammayyeessuu fi jaalatamummaashee mirkaneessuun alatti bakkeewwan tuurizimii bal’isuun galii magaalatti baay’ee akka guddisu ni’eegama. Hojiileen misoomaa kunneen jiddugaleessota gabaa, terminaalota Atomisii fi Taaksii, bakkeewwan magariisaa, bakka daa’imni itti taphatan, manneen qulqullinaa fi paarkiingiiwwan akka ofkeessaa qaban nibeekama. Misooma kooriidaraa kana qulqullinaa fi yeroo qabameefitti xumuruuf halkanii fi guyyaa hojjetamaa kan jiru yemmuu ta’u, kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee kaleessa galgala haala irra jiru daawwataniiru. Dhihoo kana hooggantoonni olaanoo mootummaa federaalaa fi naannoo hojiilee misooma kooriidaraa wayita daawwatan kantiibaa Adaanech Abeebee ibsa kennaniin misoomni kooriidaraa kun qindoominni dhaabbilee ciminaan kan keessatti mul’atee fi halkanii fi guyyaa kan hojjetamu ta’uu ibsuunsaanii niyaadatama.
Wabii midhaan nyaataa Afrikaa mirkaneesuuf mala qonnaa tekinolojiin deeggarame cimsuu barbaachisa
Apr 22, 2024 45
Ebla 14/2016 (TOI - Wabii midhaan nyaataa Afrikaa mirkaneesuuf mala qonnaa tekinolojiin deeggarame cimsuu barbaachisa jedhan Ministirri Tekinolojii fi Innoveeshinii doktar Ballaqaa Mollaa. Itoophiyaan mala qonnaa tekinolojiin deeggaramee babal'isuun wabii midhaan nyaataa mirkaneesuuf xiyeeffannoon hojjechaa jirachuus doktar Ballaqaan Mollaan himaniiru. Ministirichi kana kan jedhan sirna bannisa yaa'ii saayinsii, tekinolojii fi innoveeshinii Afrikaa 6ffaa Komishiinii dinagdee Afrikaatti guyyoota lamaaf geggeeffama jiru irrattidha. Yaa'ichi ''Ajandaa misooma waaraa 2030 milkeesuu fi bara 2063tti Afrkaarra hiyyummaa balleesuuf tekinolojii fi furmaataawwaan kalaqaa sirriitti hojiirra oolchuu'' mata duree jedhuun geggeeffama jira. Ministirri tekinolojii fi Innooveeshinii doktar Ballaqaa Mollaa Afrikaan imaala abdachiisaarra jiraatus rakkoowwan haga ammaatti irra hin ceenetu jiru jedhaniiru. Rakkoowwaan kana keessaa hiyyummaa, hir'isuu nageenyaa, tasgabbii fi misooma waaraa mirkaneessuu dhabuu ta'uu eeranii; kana keessaa bahuuf Afrikaadhaaf saayinsii,tekinolojii fi kalaqni furmaata ijoodha jedhaniiru. Damee Qonna, humna haaromaa fi fayyaa irratti kalqa tekinolojii hojiirra oolchuun haala jiruu fi jireenya fooyyesuu, carraa hojii uumuu babal'isuufi hiyyummaa hiri'usuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti sagantaan buna dhaabuu adeemsifamaa jira
Apr 22, 2024 37
Ebla 14/2016 (TOI)፡- Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti sagantaan buna fooyya’aa dhaabuu godina Geedi’oo aanaa naannawa Diillaa ganda Gollaatti adeemsifamaa jira. adeemsifamaa jira Ittaanaan daarektaraa abbaa taayitaa Bunaa fi mi’eessituu obbo Amaanu’eel Birruu TOItti akka himanitti, sagantaan Buna dhaabuu akka naannootti adeemsifamaa jira. Naannichatti xaa’oon buna dhaabuuf oolu toonii miiliyoona 1 tuqaa 2 ol qophaa’eera jedhan. Bara kana naannichatti biqiltuun bunaa fooyya’aan miiliyoona 35 ol dhaabbiif qophaa’uu eeranii, miiliyoona 32 kan caalu baatii Eblaa kana keessa akka dhaabamu dubbataniiru. Naannichatti buna dulloome sanyiiwwan fooyya’aniin bakka buusuu dabalatee hojiileen oomishtummaa dabalan addaddaan hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Haala Kanaan naannichatti oomishtummaa bunaa heektaararraa kuntaala 7 tuqaa 4 ta’e kuntaala 9tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Af-yaa’iin naannichaa adde Tsahaay Waraasaa dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo fi qoodafudhattoonni damee kanaa akkasumas qonnaan bultoonni saganticharratti hirmaataniiru.
Magaalaa Shaggaritti lammilee waldaan ijaaramaniif liqaan birrii miliyoona 300 olii kennameera
Apr 22, 2024 46
Ebla 14/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti lammilee waldaan gurmaa'anii hojjetaniif liqaan birrii miliyoona 300 kennamuu Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Shaggar beeksisan. Ogeeyyiin miidiyaa dhaabbilee adda addaarra walitti dhufan magaalaa Shaggar kutaalee magaalaa adda addaaitti hojii carraa hojii uumuurratti hojjetama jiru daawwataniiru. Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo wayita kana akka himanitti; bulchiinsi magaalicha bara bajataa kanatti kallattiwwan xiyyeeffannoo afur adda baasuun gara hojiitti galuu beeksisaniiru. Kallattiiwwan xiyyeeffannoo kunneenis, Wabii midhaan nyaataa mirkaneesuu, Dargaggoota abbootii ogummaa taasisuu, carraa hojii uumuu jabeesuu fi adeemsa kennisa tajaajila ammayyeesuu ta'uu himaniiru. Ji'oota salgan darban magaalichatti Intarpiraayizootaa kuma 7 gurmeesuu fi lammilee kuma 115 oliif carraa hojii uumuun danda'amuu eeraniiru. Lammilee waldaan gurmaa'anii gara hojiitti galaniif bakka itti hojjetan qopheesuu, liqaa fi leenjiin gahaan kennamuufiis himaniiru. Lammilee waldaan gurmaa'anii hojjetaniif deeggarsa liqaa birrii miliyoona 400 kennuuf karoorfamee hanga ammaatti liqaa birrii miliyoona 300 kennuun danda'amuus eeraniiru. Lammileen waldaan gurmaa'anii magaalichatti hojjetanis bulchiinsi magaalichaa bakka itti hojjetan mijeesuufii, akkasuma liqaa fi leenjii kenneefii gara hojiitti galuu isaanii himaniiru
Paarkiiwwan Indastirii keessatti oomishaalee gatiin isaanii doolaara miliyoona 200'tti tilmamu kan biyya alaa galan biyya keessatti oomishameera
Apr 22, 2024 30
Ebla 13/2016(TOI) - Paarkiiwwan Indastirii keessatti oomishaalee gatiin isaanii doolaara miliyoona 200'tti tilmamu kan biyya alaa galan biyya keessatti oomishamuu Korporeeshiniin Paarkiiwwan Itoophiyaa beeksise. Dabalataan oomishaalee adda addaa biyya alaatti ergamanirraas galiin doolaara miliyoona 90 caaluu argamuu korporeeshinichi beeksiseera. Hoji geggeessaan olaanaa Korporeeshiniicha obbo Akiliiluu Taaddasee akka himanitti; Paarkiiwwan Indastirii oomishaalee biyya alaa galan biyya keessatti oomishuu, sharafa alaa argamsiisuu fi lammileef carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa bahaa jira. Haaluma kanaan ji'oota salgan darbanitti oomishaalee biyya alaa galan biyya keessatti oomishuun gatiin isaanii doolaara miliyoona 200 olitti tilmaamamu oomishuu beeksisaniiru. Keessaayyuu qorichoota dabalatee oomishaalee Itoophiyaa baasii gudda baasisaan biyya keessatti oomishuun badhaadhina hunda galeessa eegalame milkeesuu keessatti gahee olaanaa bahaa jiru jedhaniiru. Hawaasnis oomishalee biyya keessatti oomishaman fayyadamuu fayyadamuu fi oomishaalee biyya isaan boonuu irratti ilaalcha isaa cimsuu qaba jedhaniiru. Paarkiiwwan Indastirii 13 keessatti oomishamuun oomishaalee gabaa alaaf dhihaatan irraa galiin doolaara miliyoona 90 ol argamuu himaniiru. Paarkiiwwan Indastirii kun addunyaarratti dorgomaa fi qulqullina olaanaa oomishaalee qaban oomishuun gabaaf dhiheesuun sosochiin Itoophiyaan haa oomishuu milkaa'aa akka ta'u deeggara jiru jedhaniiru.
Naannoo Oromiyaa godinoota sadiitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsi birrii miiliyoona 48 ta’u taasifame
Apr 20, 2024 268
Ebla 12/2016(TOI)- Naannoo Oromiyaa godinoota sadiitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsi birrii miiliyoona 48 ta’u taasifamuusaa waajjiraaleen komunikeeshinii mootummaa godinaalee kanneenii beeksisan. Deeggarsi kun Sadaasa 1 bara 2016 irraa kaasee baatilee shan keessatti godinaalee Gujii lixaa, Booranaa Bahaa fi Gujiirraa kennaa fi gurgurtaa Boondiirraa kan taasifamedha. Hoogganaan waajjira komunikeeshinii mootummaa Godina Gujii obbo Ashannaafii Deekko, ummanni godinichaa amma ammaatti birriin miiliyoona 19 caalu gumaachuusaa eeraniiri. Kutaalee hawaasaa addaddaa godinichaarraa birrii miiliyoona 17 walitti qabuuf karoorfamee birriin miiliyoona 19 walitti qabamuu beeksisaniiru. Hoogganaan waajjira komunikeeshinii mootummaa godina Booranaa Bahaa obbo Masaay Xilahuun gamasaaniin baatii shan keessatti birriin miiliyoona 14 tuqaa 2 walitti qabameera jedhan. Haala walfakkaatuun ummata godina Gujii Lixaarraa birrii miiliyoona 32 walitti qabuuf karoorfamee birriin miiliyoona 14 tuqaa 3 ol walitti qabamuu kan ibsan hoogganaa waajjira komunikeeshinii mootummaa godinaichaa obbo Tamasgeen Baatiidha. Qonnaan bultoonni godinootaa, horsiisaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa hundi deeggarsa kanarratti akka hiraatan himameera. Hojjetaan mootummaa magaalaa Nagallee Booranaa jiraatu obbo Takkaaliny Jaalataa, boondii bituun amma ammaatti hidha haaromsaaf deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Bara kana qofa birrii kuma 8’n boodii bituusaanii ibsanii, ijaarsi hiha haaromsaa amma xumuramutti deeggarsa akka itti fufan dubbataniiru. Jiraataan magaalichaa hojjetaa mootummaa kan biraan aade Mihirat Salamoon gamasaaniin, ijaarsi hidha haaromsaa amma xumuramutti akka addaan hinkunne ibsaniiru.
KaampaaniinTiraaybaas paarkii industirii Kombolchaa keessatti argamu oomishasaa gabaa Ameerikaaf dhiheessaa jira
Apr 20, 2024 63
Ebla 12/2016(TOI)- Kaampaaniin jiddugaleessota invastimantii guddaa korporeeshiniin misooma paarkiiwwan industirii bulchu keessaa tokko kan ta’e paarkii industirii Kombolchaa keessatti kan argamu Tiraaybaas paarkii industirii Kombolchaa keessatti argamu oomishasaa gabaa Ameerikaaf dhiheessaa akka jiru ibsame. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa miseensota hooggansaa isaanii waliin ta’uun sochii hojii paarkiin industirii Kombolchaa amma irra jiru ilaalaniiru. Sochii hojii paarkichi itti jiruu fi qaqqabiinsi gabaa idil addunyaa jajjabeessaa ta’uu kaasanii, Sheedota oomishaa paarkicha keessaharki 90 dureeyyii biyya alaa fi biyya keessaan qabamuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis paarkicha keessatti huccuu uffannaa oomishaa kan jiru kaanpaaniin Tiraaybaas kan daawwatan yoo ta’u, hojiin kaampaanichi yeroo ammaa itti jiru onnachiisaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaanichi yeroo ammaa uffannaawwan ammayyaa guutummaan oomishee irra caalaasaa gabaa Ameerikaaf dhiheessaa akka jiru odeeffannoon korporeeshinichaa nimul’isa. Invastimantiiwwan dabalataa paarkicha keessa akka galanii fi kaampaaniiwwan akka Tiraaybaas oomishasaanii dachaan akka guddisan akkasumas filmaatota gabaa idil addunyaa dabalataa fayyadamuu akka danda’an hojjetamaa akka jiru eerameera.
Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetmaa jiran naannolee fi bulchiinsota magaa;laa biroof fakkeenya kan ta’udha-hooggantootaa fi ogeessota komunikeeshinii
Apr 20, 2024 51
Ebla 12/2016 (TOI)- Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetmaa jiran naannolee fi bulchiinsota magaa;laa biroof akka fakkeenyaatti kan fudhatamu ta’uu ta’uu hooggantoonnii fi ogeessonni komunikeeshinii addaddaa dubbatan. Hooggantoonnii fi ogeeyyonni komunikeeshinii waajjiraalee federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaarraa walitti dhufan pirojektoota magaalichattihojjetamanii fi hojjetamaa jiran daawwataniiru. Sagantaa Kanaan paarkii michoomaa fi tokkummaa, masaraa mootummaa isa gadii, yaadannoo Adwaa, manni kitaabaa Abrihoot fi pirojektiin bosonaa daawwatamaniiru. Hoogganaan qajeelcha komunikeeshinii magaalaa Hawaasaa MIrcaayee Dammaqaa TOItti akka himanitti, misoomni Finfinneetti hojjetaman ciminaan yoo hojjetame yeroo gabaabaatti badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuun akka danda’amu agarsiiftuu guddaadha. Sadarkaa biyyaalessaatti pirojektoota hatattamaan xumuruu kan barsiisan fi kutannoo hooggansaa kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hoogganaan qajeelcha komunikeeshinii godina Silxee Saalii Hasan gamasaaniin, pirojektoota naannawa addaddaatti jalqabaman kutannoon xumuruuf hojiilee misoomaa Finfinneerraa muuxannoo guddaa fudhanneera jedhaniiru. Keessumaa pirojektoota godina Silxeetti hojjetamaa jiran hatattamaan xumuruun akka danda’amu baranneerra jedhan. Hojiileen misoomaa jijjiiramaan asitti Itiyoophiyaatti hojjetaman milkaa’oo fi kan nama raajan ta’uu kan dubbatan ammoo hoogganaa waajjira komunikeeshinii godina Koontaa Abbabaa Goobanaati. Maddisiisaan hayidiroo elektiriikii koyishaa, loojiin daanaa Arbaa guddichi Afriikaarraa guddichaa, paarkiin biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa fi pirojektoonni meeggaa kanneen biroo hojiilee milkaa’oo jijjiiramaan asitti godinichatti hojjetaman ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Daarektarri miidiyaa fi hariiroo hawaasaa komunikeeshinii naannoo Hararii Jadiidaa Ahimad gamasaaniin, yaadannoon Adwaa Finfinneetti ijaarame dhaloonni seenaasaa waloo dhugaasirriitti kan itti hubatu ta’uu dubbataniiru. Dhaloonni ammaa gootummaa abbootiinsaa raawwatanirraa ka’ee guddina biyyasaaf qoodasaa bahuu akka qabu kan barsiisudha jedhan.
Raayidii fi Viizaan qindoomina kafaltii geejjiba Itiyoophiyaatti si’achiisuu dandeessisuuumuusaanii beeksisan
Apr 19, 2024 66
Ebla 11/2016 (TOI)- Geejjibni Raayidii fi dhaabbanni kafaltii dijitaalaa idil addunyaa Viizaan qindoomina kafaltii geejjiba Itiyoophiyaatti si’achiisuu dandeessisu uumuusaanii beeksisan. Qindoominichi lammiileen biyya alaa fi diyaasporaawwan Itiyoophiyaa jiraatankaardii viizaa qofa fayyadamuun kafaltii geejjibaa akka raawwatan kan dandeessisudha. Kun ammoo daawwattoonni geejjiba amansiisaa fi si’ataa argachuun turtiisaanii Itiyoophiyaa gammchuun akka dabarsan isaan dandeessisa jedhameera. Diizaayinsiin Haaybriid fi hundeessituun Raayid Saamiraawit Fiqruu, qindoominichi hojii “Itiyoophiyaa dijitaalaa 2015” dhugoomsuuf hojjetamaa jiran waliin kan walsimu ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaatti daarektarri viizaa Yaareed Indaalee gamasaaniin, Viizaan kafaltii dijitaalaa si’ataa fi amansiisaa nama hundaa fi bakka hundaan gahuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Kanaaf qindoominni Raayid waliin jalqabame damee imalaa fi tuurizimii Itiyoophiyaa ammayyeessuf qooda olaanaa qaba jedhan.
Gareen jila olaanaa Itiyoophiyaa hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’ate
Apr 19, 2024 81
Ebla 10/2016(TOI)- Gareen jila olaanaa Itiyoophiyaa aanga’oota mootummaa ofkeessaa qabu hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin marii taasisuun ibsame. Gareen jilaa ministira maallaqaa obbo Ahimad Shideen durfamu kun bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Miratuu, sadarkaa ministiraatti gorsaan olaanaa ministira muummee obbo Taklawald Axinaafuu, de’eetaa ministira maallaqaa doktar Ittoob Takkaaliny fi aanga’oona mootummaa olaanoo ofkeessaa qaba. Gareen jilaa kun maaneejiing daarektarii dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Kiriistaaliinaa Ji’orjeevaa, ittaanaa pirezidaantii baankii addunyaa fi hoogganaan Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa, ittaanaa pirezidaantii misooma idil addunyaa baankii addunyaa Akiihikoo Niishiiyoonaa, hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqqaa addunyaa waliin wal arganiiru. Haalli dinagdee Itiyoophiyaa fi abdii egeree, dinagdee tasgabbaa’aa waliigalaa biyyaalessaa fiduuf riifoormii dinagdee hojjetamaa jiruu, guddina dinagdee fi carraa hojii uumuu, oomishtummaa guddisuu fi dinagdee dhuunfaa mijeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran dhimmoota waltajjicharratti kaafamanidha. Dhaabbileen lamaan hojiilee Itiyoophiyaan dinagdee tasgabbeessuu fi qaala’insa gatii furuuf hojjetamaa jiran akkasumas sagantaa fooyyessa biyyaalessaa bogonnaa lammaffaa Itiyoophiyaatti taasifamaa jiran dinqisiifataniiru. Dabalataanis baankiin addunyaa fi dhaabbanni maallaqaa addunyaa sagantaa fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaan adeemsisaa jirtu humna guutuun hojeessuu gama dandeessisuun deeggarsa taasisuu fi waliin hojjechuurratti marii taasisaniiru.
Kaampaaniiwwan biyya keessaa kanneen humna olaanaa dabarsanii fi keebilii elektiriikii oomishuun dhiheessi anniisaa fi industirii telekoomiirratti hirmaachuunsaanii onnachiisaadha- ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Apr 18, 2024 67
Ebla 10/2016(TOI)- Kaampaaniiwwan biyya keessaa kanneen humna olaanaa dabarsanii fi keebilii elektiriikii oomishuun dhiheessi anniisaa fi industirii telekoomiirratti hirmaachuunsaanii guddaa onnachiisaadha jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad erga fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin hojiin elektiriikii qoqqooduu hojii ijoo waan ta’eef dameen kun deeggarsa guutuu barbaada jedhan.
Oomisha sibiilaa dabaluun qaama imaammata misooma industirii keenyaati
Apr 18, 2024 66
Ebla 10/2016 (TOI) - Oomisha sibiilaa dabaluun qaama imaammata misooma industirii keenyaati jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Investimentii kallattiin alaa galu fayyadamuunis shiboowwaniifi utubaawwan qulqullina qaban eleektirikaafi teeleef oolan biyyuma keessaa dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhan. Dabalataanis hojii oomisha konkolaattotaafi meeshaalee jijjiirraa konkolaattotaa daawwannaan arganitti gammadeera jedhan. Hojiin kunis kaampaaniiwwan biyya keessaan hojjetamuun kan nama jajjabeessu ta’uu beeksisaniiru, ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin.
Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti mallaqa gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida'amuurra argameen manni kitaabaa ijaarama jira
Apr 18, 2024 58
Ebla 10/2016 (TOI) - Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti mallaqa gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida'amuurra argameen manni kitaabaa uummataa ijaaramaa jirachuu Biiroon aadaa fi Turizimii bulchinsa magaalichaa beeksise. Manni kitaabaa uummataa kunis birrii miliyoona 470'n kan ijaaramu yoo ta'u ji'oota 18 keessaatti xumuramee tajaajila kannuu kan eegalu ta'uu biirichi beeksiseera. Ijaarsi mana kitaabichaas kan jalqabe Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad maallaqa gurgurtaa kitaaba isaanii Dhaloota Ida'amuu irraa aramuu hanqina bu'uura misooma magaalichi qabu furuu akka ooluu arjoomuu isaaniin jedhamera. Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Mikaa'eel Indaalee TOI'tti akka himanitti; manni kitaabaa abbaan darbii jahaa maallaqa gurgurtaa Kitaabaa Dhaloota Ida'amuurra argamuun ijaaramu kun keessaayyu dargaggoonni beekumsa gabbataa akka horatan gahee olaanaa qabaata jedhaniiru. Manni kitaabaa kun mana kitaabaa muummee dabalatee kutaawwaan kitaani itti dubbifamu adda addaa qabachuu himaniiru. Akkasumas kutaalee tajaajila mana nyaataa, jiddugala sochii qorannoo hawaasummaa fi dinagdee bulchiinsa magaalichaa kan of keessaa qabu ta'uu himaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biltootaa fayidaa hedduu qaban miliyoona 3 ol dhaabuuf qophaa'a jiru
Apr 18, 2024 65
Ebla 10/2016(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biltootaa fayidaa hedduu qaban miliyoona 3 ol dhaabuuf qophaa'a jiru Waggoota darban sagantaa ashaaraa magariisaan bilqtoonni dhaabaman miidhagna naannaawwaa dabaluu fi qabeenya uumamaa mancaatti irraa baraaruun cinaatti wabii midhaan nyaata qonnaan bultoota mirkaneessuu keessaatti gahee olaanaa baha jirachuu Abbaan Taayitaa kununsa qabeenya uumamaa, bosonafi jijjirama qabeenya qilleensa beeksiseera. Kununsa naannoo sadarkaa fooyyeeqabutti guddisuu fi fayyadamummaa mirkaneesuuf bara kanas sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona sadii ol dhaabuuf qophiin taasifama jirachuu beeksiseera. Abbaa Taayitichaatti daarektarri eegumsaa fi misooma Bosonaa Masrashaa Yimar TOI'tti akka himanitti; biqiltoonni sagantaa kanaan waggootan darban dhaabaman bakkeewwan bosonni irraa manca'ee deebi'anii akka misooman taasisuun danda'ameera jedhaniiru. Kanaanis burqaawwan bishaanii kanaan dura goganii tura deebi'anii kan maddaan yoo ta'u binesoonni bosonaa badanii turanis deebi'aniiru jedhaniiru. Keessattu naannaawwaa irra deddebiin hongeen miidhaman baadiyyatti fuduraaleen dhaabbaman qonnaan bultootaaf madda galii dabalataa ta'aa jira jedhaniiru. Biiroo qonnaa, bishaanii fi inarjii buchiinsa magaalaa Dirre Dawaa waliin ta'uun hojiiwwaan kana sadarkaa kana caalaa fooyyee qabutti ceesisuuf bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biltoonni miliyoonni 3 qophaa'a jiru jedhaniiru. Haga ammaatti buufatalee biqiltuu 20 keessaatti biqiltuu qophaa'aa jiru keessaa miliyoonni 1.9 dhaabbiif gahaniiru jedhaniiru.
Dinagdeen Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban qormaata isa mudate damdamatee guddina galmeessisaa jira-obbo Ahimad Shidee
Apr 18, 2024 44
Ebla 10/2016(TOI)- Dinagdeen Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban qormaata alaa fi keessaa isa mudate damdamatee guddina galmeessisaa akka jiru ministirri maallaqqa obbo Ahimad Shidee ibsan. Embaasiin RDFI Waashiingiteen Diisiitti argamu Waafaa maarkeetiingii fi piroomooshinii waliin ta’uun fooramiin biizinasii fi invastimantii Itiyoo-Ameerikaa Waashiingiteen Diisiitti adeemsifameera. Ministirichi wayita kana akka jedhanitti , waggoota muraasa darban qormaatonni addaddaa allaa fi keessaa Itiyoophiyaa mudatanis dinagdeenshee qormaatilee kanneen damdamachuun ammallee guddachaa jira. Sababnisaashojiin riifoormii fi hojiilee invastimantii bu’ura misoomaa gurguddoo mootummaan hojjetamaniin ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee jijjiirama haala qilleensaa damdamachuun, nyaataan ofdanda’uu akkasumas oomishtummaa qonnaa egeree guddisuu fi bulchiinsa qabeenya bishaaniin walqabatanii jiran egereef gama furuutiin qooda olaanaa kan qabu hojiin ashaaraa magariisaa milkaa’inaan raawwatamaa jira jedhan. Dureeyyonni Ameerikaa Itiyoophiyaa daawwatanii filmaatota invastimantii akka ilaalan afeeraniiru. Ameerikaatti ergamaa addaa Itiyoophiyaa fi ambaasaaddarri aangoo guutuu kabajamoo doktar Silashii Baqqalaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin hariiroo dippilomaasii waggoota 120 caalu akka qabdu ibsaniiru. Daawwannaan hojii aanga’oota olaanoo yeroo addaddaatti taasifamuu eeranii, keessumaa waggaa darbe gareen jilaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’ii hooggantootaa ‘US’ Afriikaa irratti hirmaachuusaa kaasaniiru. Wayita sanatti ministirri muummee bulchiinsa Ameerikaa, Kongirasii, fi qaamolee damee dinagdee dhuunfaa irratti bobba’an waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya guddaa qabduu fi filmaatota invastimantii akkasumas onnachiiftuuwwan addaddaa invastaroonni argachuu danda’an ilaalchisuun foramicharratti ibsi dhihaateera. Dabalataanis Mariin paanaalii dhalootaan Itiyoophiyaanota milkaa’oo kanneen dameelee invastimantii addaddaarratti bobba’anii fi hooggantoota Ameerikaa addaddaa ofkeessaa qabu taasifameera. Gaaffilee fi yaada hirmaattotarraa ka’aniif deebii fi ibsi taasifamuusaa odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Waashiingiteen Diisii nimul’isa. Dureeyyonni Ameerikaa foramicharratti hirmaatan riifoormiin mootummaan taasisaa jiru keessumaa invastaroonni biyya alaa invast akka taasisan haala mijataa uumuuf yaalii taasifamudinqisiifachuunsaanii ibsameera.
Korporeeshinichi kaampaanii Jaappaan waliin deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1 tuqaa 2 mallatteesse
Apr 17, 2024 202
Ebla 09/2016(TOI) – Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan industirii biiroo qindeessaa carraa hojii uumuu kaampaanii Jaappaan (The Facility Investing for Employment (IFE) waliin deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1 tuqaa 2 mallatteesseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa, biirichi carraa hojii uumuu dabaluu, qaqqabiinsa dhiheessii bishaanii guddisuu akkasumas dandeettii kaampaaniiwwan oomishaa guddisuu fi itti quufinsa dabaluuf tumsaan deeggarsa maallaqaa taasisuusaa dinqisiifataniiru. Pirojektichi yeroo qabameefitti xumuramee humna guutuun hojiirra akka oolu kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru. Waliigaltichi paarkii industirii Hawaasaatti dhiheessii bishaanii guddisuuf, itti quufinsa kaampaaniiwwan oomishaa dabaluun paarkichi humna guutuun akka hojjetu fi pirojektii lammiilee 300 ol ta’aniif carraa hojii uumuuf akeekkate hojeessuufi jedhameera. Daarektarri qabiyyee fi bulchiinsa dhaabbilee misoomaa mootummaa obbo Habtaamuu Hayilamikaa’el, hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa akkasumas qindeessaan ministira tumsaa fi guddina dinagdee Jarman doktar Dominiikaa Priiyiiz dabalatee hooggantoonni biroon argamuusaanii odeeffannoon korporeeshinicharraa argame nimul’isa.
Tumsa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf taasifamuuf deeggarsi aamolee deeggartootaa murteessaadha-ministeera qonnaa
Apr 17, 2024 50
Ebla 09/2016(TOI)- Tumsa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf taasifamuuf deeggarsi aamolee deeggartootaa murteessaa ta’uusaa ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee ibsan. Ministirri qonnaa diktar Girmaa Amantee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Jaappaan Hiiroo Shibaataa waliin misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaarratti mootummaa Jaappaan waliin hojjechuuf akka danda’amu mari’ataniiru. Marii kanaanis Itiyoophiyaan mootummaa Jaappaan waliin michooma bara dheeraa akka qabdu ministirichi yaadachiisanii, deeggarsa mootummaan Jaappaan misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaarratti taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Bu’aa quubsaa misooma Qamadii jallisiirratti argame ibsanii, injifannoo misooma Qamadii jallisiirratti argame Ruuziin dabaluuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiruuf. Haala Kanaan yeroo jalqabaaf naannoo Somaaleetti lafa heektaara kuma 3 irratti jallisiin Ruuzii oomishuuf karoorfamuu ministirichi eeranii, misooma Ruuzii jallisii babal’isuuf yaalii taasifamuuf mootummaan Jaappaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Hiiroo Shiibaataa gamasaaniin, qonnaan bultoota misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaatiin lafa xiqqaa qabaniif deeggarsa mootummaansaanii gabbisa dandeettii fi dhiheessii galteen taasisaa jiru ibsaniiru. Mootummaan Jaappaan deeggarsa taasisu cimsee Kan itti fufu ta’uu ambaasaaddarichi mirkaneessuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa. Ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee fi ambaasaaddarri Hiiroo Shiibaataa dhimmoota fuulduraarratti bal’inaan mari’achuun waliigalteerra gahuunsaanii himameera. Mootummaan Jaappaan qonnaan bultoota naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Itiyoophiyaa Kibbaa fi Itiyoophiyaa Jiddugaleessaatti lafa xiqqaa qaban deeggaraa akka jiru eeraniiru.
Imala Industiraalaayzeeshinii si’achiisuuf sosochii biyyaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun bu’aaleen galmeeffamaa jiru
Apr 17, 2024 56
Ebla 09/2016(TOI)- Imala Industiraalaayzeeshinii si’achiisuuf sosochii biyyaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun bu’aaleen galmeeffamaa jiru jedhan ministirri industirii obbo Nalaakuu Allabal. Obbo Malaakuu Allabal jila mootummoota gamtoomanitti maaneejiing daarekataraa kalaqa galmoota misooma egeree dhaabbata misooma industirii fi tiraanisfoormeeshinii dinagdee Guntar Begeriin durfamu waliin mari’ataniiru. Mariinsaaniis hojiirra oolmaa sagantaa paarkiiwwan industirii oomishoota qonnaa qiqindeessanirratti xiyyeeffachuun dinagdee guddisuuf tumsa biyyaalessaa (PCP), jiddugaleessa dandeettii misoomaa egeree guddisuurratti kaayyeffate hundeessuu fi dhimmootaa tumsa waloo taasisan biroorratti akka xiyyeeffate ibsameera. Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbata misooma industirii (UNIDO) waliin paarkiiwwan industirii qindaa’aa oomishaalee qonnaa qiqindeessu bu’a qabeessa taasisuun yaaliin jireenya qonnaa fi horsiisaan bulaa fooyyessuun industiraalaayzeeshinii dinagdee dhugoomsuuf taasifamuun hojiiwwan tumsaa abdi qabeessi hojjetamaa jru jedhaniiru. Paarkiiwwan agiroo industirii qonnaan bultoonni lafa xiqoo qaban oomisha qonnaa qulqullina qabu heddumminaan oomishuun industiriiwwaniif dhiheessuun dnandeettiisaanii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Tiraanisfoormeeshinii qonnaa wayita yaannu industiriiwwan oomisha qonnaa qiqindeessan deeggaruun akka barbaachisu ministirichi kaasaniiru. Imala industiraalaayzeeshinii Itiyoophiyaa si’achiisuuf sosochii biyyaalessaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun milkaa’inoonni onnachiisoon galmeeffamaa jiru jedhaniiru. Deeggarsa dhaabbanni misooma industirii mootummoota gamtoomanii (UNIDO)n taasisaa jiruuf galateeffatanii milkaa’ina kaayyoo sosochii kanaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa. Mootummoota gamtoomanitti maaneejiing daarekataraa kalaqa galmoota misooma egeree dhaabbata misooma industirii fi tiraanisfoormeeshinii dinagdee Guntar Beger gamasaaniin hojiirra oolmaa sagantaa tumsa biyyoolessaaf (PCP) waliin akka hojjetan ibsaniiru. Dabalataanis waliigaltee jiddugaleessa ga’oomaa dandeettii misooma egeree guddisuuf kaayyeffate hundeessuuf irra gahame firii akka horatu qooda fudhattoota waliin akka hojjetan dubbachuusaanii odeeffannichi mul’iseera.
Fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu bara 2016 adeemsifamuufi
Apr 17, 2024 42
Ebla 09/2016(TOI) - Fiigichi daandiirraa kiiloomeetira 10nii Itiyoophiyaan haa oomishtuu bara 2016 Ebla 13 Finfinneetti akka adeemsifamu ministeerri industirii beeksise. De’eetaan ministira industirii Taarragany Bulultaa Fiigicha kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, namoonni kuma 10 caalan fiigicha kanarratti akka hirmaatan ibsaniiru. Dabalataanis atileetonni kilaboota 22 irraa walitti dhufan akkasumas dippilomaatonni akka hirmaatan ibsaniiru. Kaayyoon fiigicha kanaa gumaacha oomishoonni industirii guddina dinagdee biyyaaf qaban oomishasaanii akka guddisan gochuuf, hidhannoowwan ispoortii industiriiwwan biyya keessaatiin oomishaman addunyaaf beeksisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf akka ta’e dubbataniiru. Ogeeyyonni damee industiriirra hojjetan muuxannoo kan itti waliif qoodan akka ta’es ibsaniiru. Kanneen dorgommicha mo’ataniif badhaafni birrii kuma 50 amma kuma 250 qophaa’uusaa eeraniiru.. Fiigichi kun Addababayii Masqalaarraa ka’uun achuma Addababayii Masqalaatti akka xumuramu ibsameera.