Gareen jila olaanaa Itiyoophiyaa hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’ate

67

Ebla 10/2016(TOI)- Gareen jila olaanaa Itiyoophiyaa aanga’oota mootummaa ofkeessaa qabu hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin marii taasisuun ibsame.

Gareen jilaa ministira maallaqaa obbo Ahimad Shideen durfamu kun bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Miratuu, sadarkaa ministiraatti gorsaan olaanaa ministira muummee obbo Taklawald Axinaafuu, de’eetaa ministira maallaqaa doktar Ittoob Takkaaliny fi aanga’oona mootummaa olaanoo ofkeessaa qaba.

Gareen jilaa kun maaneejiing daarektarii dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Kiriistaaliinaa Ji’orjeevaa, ittaanaa pirezidaantii baankii addunyaa fi hoogganaan Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa, ittaanaa pirezidaantii misooma idil addunyaa baankii addunyaa Akiihikoo Niishiiyoonaa, hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqqaa addunyaa waliin wal arganiiru.

Haalli dinagdee Itiyoophiyaa fi abdii egeree, dinagdee tasgabbaa’aa waliigalaa biyyaalessaa fiduuf riifoormii dinagdee hojjetamaa jiruu, guddina dinagdee fi carraa hojii uumuu, oomishtummaa guddisuu fi dinagdee dhuunfaa mijeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran dhimmoota waltajjicharratti kaafamanidha.

Dhaabbileen lamaan hojiilee Itiyoophiyaan dinagdee tasgabbeessuu fi qaala’insa gatii furuuf hojjetamaa jiran akkasumas sagantaa fooyyessa biyyaalessaa bogonnaa lammaffaa Itiyoophiyaatti taasifamaa jiran dinqisiifataniiru.

Dabalataanis baankiin addunyaa fi dhaabbanni maallaqaa addunyaa sagantaa fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaan adeemsisaa jirtu humna guutuun hojeessuu gama dandeessisuun deeggarsa taasisuu fi waliin hojjechuurratti marii taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015