Korporeeshinichi kaampaanii Jaappaan waliin deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1 tuqaa 2 mallatteesse - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshinichi kaampaanii Jaappaan waliin deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1 tuqaa 2 mallatteesse

Ebla 09/2016(TOI) – Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan industirii biiroo qindeessaa carraa hojii uumuu kaampaanii Jaappaan (The Facility Investing for Employment (IFE) waliin deeggarsa Yuuroo miiliyoona 1 tuqaa 2 mallatteesseera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa, biirichi carraa hojii uumuu dabaluu, qaqqabiinsa dhiheessii bishaanii guddisuu akkasumas dandeettii kaampaaniiwwan oomishaa guddisuu fi itti quufinsa dabaluuf tumsaan deeggarsa maallaqaa taasisuusaa dinqisiifataniiru.
Pirojektichi yeroo qabameefitti xumuramee humna guutuun hojiirra akka oolu kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Waliigaltichi paarkii industirii Hawaasaatti dhiheessii bishaanii guddisuuf, itti quufinsa kaampaaniiwwan oomishaa dabaluun paarkichi humna guutuun akka hojjetu fi pirojektii lammiilee 300 ol ta’aniif carraa hojii uumuuf akeekkate hojeessuufi jedhameera.
Daarektarri qabiyyee fi bulchiinsa dhaabbilee misoomaa mootummaa obbo Habtaamuu Hayilamikaa’el, hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa akkasumas qindeessaan ministira tumsaa fi guddina dinagdee Jarman doktar Dominiikaa Priiyiiz dabalatee hooggantoonni biroon argamuusaanii odeeffannoon korporeeshinicharraa argame nimul’isa.