Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti sagantaan buna dhaabuu adeemsifamaa jira

30

Ebla 14/2016 (TOI)- Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti sagantaan buna fooyya’aa dhaabuu godina Geedi’oo aanaa naannawa Diillaa ganda Gollaatti adeemsifamaa jira.

adeemsifamaa jira

Ittaanaan daarektaraa abbaa taayitaa Bunaa fi mi’eessituu obbo Amaanu’eel Birruu TOItti akka himanitti,  sagantaan Buna dhaabuu akka naannootti adeemsifamaa jira.

Naannichatti xaa’oon buna dhaabuuf oolu toonii miiliyoona 1 tuqaa 2 ol qophaa’eera jedhan.

Bara kana naannichatti biqiltuun bunaa fooyya’aan miiliyoona 35 ol dhaabbiif qophaa’uu eeranii, miiliyoona 32 kan caalu baatii Eblaa kana keessa akka dhaabamu dubbataniiru.

Naannichatti buna dulloome sanyiiwwan fooyya’aniin bakka buusuu dabalatee hojiileen oomishtummaa dabalan addaddaan hojjetamaa akka jiran dubbataniiru.

Haala Kanaan naannichatti oomishtummaa bunaa heektaararraa kuntaala 7 tuqaa 4 ta’e kuntaala 9tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Af-yaa’iin naannichaa adde Tsahaay Waraasaa dabalatee  hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo fi qoodafudhattoonni damee kanaa akkasumas qonnaan bultoonni saganticharratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015