Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biltootaa fayidaa hedduu qaban miliyoona 3 ol dhaabuuf qophaa'a jiru

53

Ebla 10/2016(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biltootaa fayidaa hedduu qaban miliyoona 3 ol dhaabuuf qophaa'a jiru

Waggoota darban sagantaa ashaaraa magariisaan bilqtoonni dhaabaman miidhagna naannaawwaa dabaluu fi qabeenya uumamaa mancaatti irraa baraaruun cinaatti wabii midhaan nyaata qonnaan bultoota mirkaneessuu keessaatti gahee olaanaa baha jirachuu Abbaan Taayitaa kununsa qabeenya uumamaa, bosonafi jijjirama qabeenya qilleensa beeksiseera.

Kununsa naannoo sadarkaa fooyyeeqabutti guddisuu fi fayyadamummaa mirkaneesuuf bara kanas sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona sadii ol dhaabuuf qophiin taasifama jirachuu beeksiseera.

Abbaa Taayitichaatti daarektarri eegumsaa fi misooma Bosonaa Masrashaa Yimar TOI'tti akka himanitti; biqiltoonni sagantaa kanaan waggootan darban dhaabaman bakkeewwan bosonni irraa manca'ee deebi'anii akka misooman taasisuun danda'ameera jedhaniiru.

Kanaanis burqaawwan bishaanii kanaan dura goganii tura deebi'anii kan maddaan yoo ta'u binesoonni bosonaa badanii turanis deebi'aniiru jedhaniiru.

Keessattu naannaawwaa irra deddebiin hongeen miidhaman baadiyyatti fuduraaleen dhaabbaman qonnaan bultootaaf madda galii dabalataa ta'aa jira jedhaniiru.

Biiroo qonnaa, bishaanii fi inarjii buchiinsa magaalaa Dirre Dawaa waliin ta'uun hojiiwwaan kana sadarkaa kana caalaa fooyyee qabutti ceesisuuf bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biltoonni miliyoonni 3 qophaa'a jiru jedhaniiru.

Haga ammaatti buufatalee biqiltuu 20 keessaatti biqiltuu qophaa'aa jiru keessaa miliyoonni 1.9 dhaabbiif gahaniiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015