Naannoo Oromiyaa godinoota sadiitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsi birrii miiliyoona 48 ta’u taasifame

253

Ebla 12/2016(TOI)- Naannoo Oromiyaa godinoota sadiitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf deeggarsi birrii miiliyoona 48 ta’u taasifamuusaa waajjiraaleen komunikeeshinii mootummaa godinaalee kanneenii beeksisan.

Deeggarsi kun Sadaasa 1 bara 2016 irraa kaasee baatilee shan keessatti godinaalee Gujii lixaa, Booranaa Bahaa fi Gujiirraa kennaa fi gurgurtaa Boondiirraa kan taasifamedha.

Hoogganaan waajjira komunikeeshinii mootummaa Godina Gujii obbo Ashannaafii Deekko, ummanni godinichaa amma ammaatti birriin miiliyoona 19 caalu gumaachuusaa eeraniiri.

Kutaalee hawaasaa addaddaa godinichaarraa birrii miiliyoona 17 walitti qabuuf karoorfamee birriin miiliyoona 19 walitti qabamuu beeksisaniiru.

Hoogganaan waajjira komunikeeshinii mootummaa godina Booranaa Bahaa obbo Masaay Xilahuun gamasaaniin baatii shan keessatti birriin miiliyoona 14 tuqaa 2 walitti qabameera jedhan.

Haala walfakkaatuun ummata godina Gujii Lixaarraa birrii miiliyoona 32 walitti qabuuf karoorfamee birriin miiliyoona 14 tuqaa 3 ol walitti qabamuu kan ibsan hoogganaa waajjira komunikeeshinii mootummaa godinaichaa obbo Tamasgeen Baatiidha.

Qonnaan bultoonni godinootaa, horsiisaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa hundi deeggarsa kanarratti akka hiraatan himameera.

Hojjetaan mootummaa magaalaa Nagallee Booranaa jiraatu obbo Takkaaliny Jaalataa, boondii bituun amma ammaatti hidha haaromsaaf deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Bara kana qofa birrii kuma 8’n boodii bituusaanii ibsanii, ijaarsi hiha haaromsaa amma xumuramutti deeggarsa akka itti fufan dubbataniiru.

Jiraataan magaalichaa hojjetaa mootummaa kan biraan aade Mihirat Salamoon gamasaaniin, ijaarsi hidha haaromsaa amma xumuramutti akka addaan hinkunne ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015