Tumsa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf taasifamuuf deeggarsi aamolee deeggartootaa murteessaadha-ministeera qonnaa

43

Ebla 09/2016(TOI)- Tumsa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf taasifamuuf deeggarsi aamolee deeggartootaa murteessaa ta’uusaa ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee ibsan.

Ministirri qonnaa diktar Girmaa Amantee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Jaappaan Hiiroo Shibaataa waliin misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaarratti mootummaa Jaappaan waliin hojjechuuf akka danda’amu mari’ataniiru.

Marii kanaanis Itiyoophiyaan mootummaa Jaappaan waliin michooma bara dheeraa akka qabdu ministirichi yaadachiisanii, deeggarsa mootummaan Jaappaan misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaarratti taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Bu’aa quubsaa misooma Qamadii jallisiirratti argame ibsanii, injifannoo misooma Qamadii jallisiirratti argame Ruuziin dabaluuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiruuf.

Haala Kanaan yeroo jalqabaaf naannoo Somaaleetti lafa heektaara kuma 3 irratti jallisiin Ruuzii oomishuuf karoorfamuu ministirichi eeranii, misooma Ruuzii jallisii babal’isuuf yaalii taasifamuuf mootummaan Jaappaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafataniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Hiiroo Shiibaataa gamasaaniin, qonnaan bultoota misooma  Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaatiin lafa xiqqaa qabaniif deeggarsa mootummaansaanii gabbisa dandeettii fi dhiheessii galteen taasisaa jiru ibsaniiru.

Mootummaan Jaappaan deeggarsa taasisu cimsee Kan itti fufu ta’uu ambaasaaddarichi mirkaneessuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa.

Ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee fi ambaasaaddarri Hiiroo Shiibaataa dhimmoota fuulduraarratti bal’inaan mari’achuun waliigalteerra gahuunsaanii himameera.

Mootummaan Jaappaan qonnaan bultoota naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Itiyoophiyaa Kibbaa fi Itiyoophiyaa Jiddugaleessaatti  lafa xiqqaa qaban deeggaraa akka jiru eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015