Raayidii fi Viizaan qindoomina kafaltii geejjiba Itiyoophiyaatti si’achiisuu dandeessisuuumuusaanii beeksisan

52

Ebla 11/2016 (TOI)- Geejjibni Raayidii fi dhaabbanni kafaltii dijitaalaa idil addunyaa Viizaan qindoomina kafaltii geejjiba Itiyoophiyaatti si’achiisuu dandeessisu uumuusaanii beeksisan.

Qindoominichi lammiileen biyya alaa fi diyaasporaawwan Itiyoophiyaa jiraatankaardii viizaa qofa fayyadamuun kafaltii geejjibaa akka raawwatan kan dandeessisudha.

Kun ammoo daawwattoonni geejjiba amansiisaa fi si’ataa argachuun turtiisaanii Itiyoophiyaa gammchuun akka dabarsan isaan dandeessisa jedhameera.

Diizaayinsiin Haaybriid fi hundeessituun Raayid Saamiraawit Fiqruu, qindoominichi hojii “Itiyoophiyaa dijitaalaa 2015” dhugoomsuuf hojjetamaa jiran waliin kan walsimu ta’uu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti daarektarri viizaa Yaareed Indaalee gamasaaniin, Viizaan kafaltii dijitaalaa si’ataa fi amansiisaa nama hundaa fi bakka hundaan gahuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Kanaaf qindoominni Raayid waliin jalqabame damee imalaa fi tuurizimii Itiyoophiyaa ammayyeessuf qooda olaanaa qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015