Paarkiiwwan Indastirii keessatti oomishaalee gatiin isaanii doolaara miliyoona 200'tti tilmamu kan biyya alaa galan biyya keessatti oomishameera

22

Ebla 13/2016(TOI) - Paarkiiwwan Indastirii keessatti oomishaalee gatiin isaanii doolaara miliyoona 200'tti tilmamu kan biyya alaa galan biyya keessatti oomishamuu Korporeeshiniin Paarkiiwwan Itoophiyaa beeksise.

Dabalataan oomishaalee adda addaa biyya alaatti ergamanirraas galiin doolaara miliyoona 90 caaluu argamuu korporeeshinichi beeksiseera.

Hoji geggeessaan olaanaa Korporeeshiniicha obbo Akiliiluu Taaddasee akka himanitti; Paarkiiwwan Indastirii oomishaalee biyya alaa galan biyya keessatti oomishuu, sharafa alaa argamsiisuu fi lammileef carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa bahaa jira.

Haaluma kanaan ji'oota salgan darbanitti oomishaalee biyya alaa galan biyya keessatti oomishuun gatiin isaanii doolaara miliyoona 200 olitti tilmaamamu oomishuu beeksisaniiru.

Keessaayyuu qorichoota dabalatee oomishaalee Itoophiyaa baasii gudda baasisaan biyya keessatti oomishuun badhaadhina hunda galeessa eegalame milkeesuu keessatti gahee olaanaa bahaa jiru jedhaniiru.

Hawaasnis oomishalee biyya keessatti oomishaman fayyadamuu fayyadamuu fi oomishaalee biyya isaan boonuu irratti ilaalcha isaa cimsuu qaba jedhaniiru.

Paarkiiwwan Indastirii 13 keessatti oomishamuun oomishaalee gabaa alaaf dhihaatan irraa galiin doolaara miliyoona 90 ol argamuu himaniiru.

Paarkiiwwan Indastirii kun addunyaarratti dorgomaa fi qulqullina olaanaa oomishaalee qaban oomishuun gabaaf dhiheesuun sosochiin Itoophiyaan haa oomishuu milkaa'aa akka ta'u deeggara jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015