Fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu bara 2016 adeemsifamuufi

33

Ebla 09/2016(TOI) - Fiigichi daandiirraa kiiloomeetira 10nii Itiyoophiyaan haa oomishtuu bara 2016 Ebla 13 Finfinneetti akka adeemsifamu ministeerri industirii beeksise.

De’eetaan ministira industirii Taarragany Bulultaa Fiigicha kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, namoonni kuma 10 caalan fiigicha kanarratti akka hirmaatan ibsaniiru.

Dabalataanis atileetonni kilaboota 22 irraa walitti dhufan akkasumas dippilomaatonni akka hirmaatan ibsaniiru.

Kaayyoon fiigicha kanaa gumaacha oomishoonni industirii guddina dinagdee biyyaaf qaban oomishasaanii akka guddisan gochuuf, hidhannoowwan ispoortii industiriiwwan biyya keessaatiin oomishaman addunyaaf beeksisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf akka ta’e dubbataniiru.

Ogeeyyonni damee industiriirra hojjetan muuxannoo kan itti waliif qoodan akka ta’es ibsaniiru.

Kanneen dorgommicha mo’ataniif badhaafni birrii kuma 50 amma kuma 250 qophaa’uusaa eeraniiru..

Fiigichi kun Addababayii Masqalaarraa ka’uun achuma Addababayii Masqalaatti akka xumuramu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015