Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetmaa jiran naannolee fi bulchiinsota magaa;laa biroof fakkeenya kan ta’udha-hooggantootaa fi ogeessota komunikeeshinii

41

Ebla 12/2016 (TOI)- Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetmaa jiran naannolee fi bulchiinsota magaa;laa biroof akka fakkeenyaatti kan fudhatamu ta’uu ta’uu hooggantoonnii fi ogeessonni  komunikeeshinii addaddaa dubbatan.

Hooggantoonnii fi ogeeyyonni komunikeeshinii waajjiraalee federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaarraa walitti dhufan pirojektoota magaalichattihojjetamanii fi hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Sagantaa Kanaan paarkii michoomaa fi tokkummaa, masaraa mootummaa isa gadii, yaadannoo Adwaa, manni kitaabaa Abrihoot fi pirojektiin bosonaa daawwatamaniiru.

Hoogganaan qajeelcha komunikeeshinii magaalaa Hawaasaa MIrcaayee Dammaqaa TOItti akka himanitti, misoomni Finfinneetti hojjetaman ciminaan yoo hojjetame yeroo gabaabaatti badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuun akka danda’amu agarsiiftuu guddaadha.

Sadarkaa biyyaalessaatti pirojektoota hatattamaan xumuruu kan barsiisan fi kutannoo hooggansaa kan agarsiisanidha jedhaniiru.

Hoogganaan qajeelcha komunikeeshinii godina Silxee Saalii Hasan gamasaaniin, pirojektoota naannawa addaddaatti jalqabaman kutannoon xumuruuf hojiilee misoomaa Finfinneerraa muuxannoo guddaa fudhanneera jedhaniiru.

Keessumaa pirojektoota godina Silxeetti hojjetamaa jiran hatattamaan xumuruun akka danda’amu baranneerra jedhan.

Hojiileen misoomaa jijjiiramaan asitti Itiyoophiyaatti hojjetaman milkaa’oo fi kan nama raajan ta’uu kan dubbatan ammoo hoogganaa waajjira komunikeeshinii godina Koontaa Abbabaa Goobanaati.

Maddisiisaan hayidiroo elektiriikii koyishaa, loojiin daanaa Arbaa guddichi Afriikaarraa guddichaa, paarkiin biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa fi pirojektoonni meeggaa kanneen biroo hojiilee milkaa’oo jijjiiramaan asitti godinichatti hojjetaman ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Daarektarri miidiyaa fi hariiroo hawaasaa komunikeeshinii naannoo Hararii Jadiidaa Ahimad gamasaaniin, yaadannoon Adwaa Finfinneetti ijaarame dhaloonni seenaasaa waloo dhugaasirriitti kan itti hubatu ta’uu dubbataniiru.

Dhaloonni ammaa gootummaa abbootiinsaa raawwatanirraa ka’ee guddina biyyasaaf qoodasaa bahuu akka qabu kan barsiisudha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015