Kantiibaa Adaanech Abeebeehojii misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru daawwatan

71

Ebla 14/2016 (TOI)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee  Adaanech Abeebeehojii misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru kaleessa galgala daawwataniiru.

Misoomni kooriidaraa kun magaalatti kan ammayyeessuu fi jaalatamummaashee mirkaneessuun alatti bakkeewwan tuurizimii bal’isuun galii magaalatti baay’ee akka guddisu ni’eegama.

Hojiileen misoomaa kunneen jiddugaleessota gabaa, terminaalota Atomisii fi Taaksii, bakkeewwan magariisaa, bakka daa’imni itti taphatan, manneen qulqullinaa fi paarkiingiiwwan akka ofkeessaa qaban nibeekama.

Misooma kooriidaraa kana qulqullinaa fi yeroo qabameefitti xumuruuf halkanii fi guyyaa hojjetamaa kan jiru yemmuu ta’u, kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee kaleessa galgala haala irra jiru daawwataniiru.

Dhihoo kana hooggantoonni olaanoo mootummaa federaalaa fi naannoo hojiilee misooma kooriidaraa wayita daawwatan kantiibaa  Adaanech Abeebee ibsa kennaniin misoomni kooriidaraa kun qindoominni dhaabbilee ciminaan kan keessatti mul’atee fi halkanii fi guyyaa kan hojjetamu ta’uu ibsuunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015