Dinagdeen Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban qormaata isa mudate damdamatee guddina galmeessisaa jira-obbo Ahimad Shidee

38

Ebla 10/2016(TOI)- Dinagdeen Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban qormaata alaa fi keessaa isa mudate damdamatee guddina galmeessisaa akka jiru ministirri maallaqqa obbo Ahimad Shidee ibsan.

Embaasiin RDFI Waashiingiteen Diisiitti argamu Waafaa maarkeetiingii fi piroomooshinii waliin ta’uun fooramiin biizinasii fi invastimantii Itiyoo-Ameerikaa  Waashiingiteen Diisiitti adeemsifameera.

 Ministirichi wayita kana akka jedhanitti , waggoota muraasa darban qormaatonni addaddaa allaa fi keessaa Itiyoophiyaa mudatanis dinagdeenshee qormaatilee kanneen damdamachuun ammallee guddachaa jira.

Sababnisaashojiin riifoormii fi hojiilee invastimantii bu’ura misoomaa  gurguddoo mootummaan hojjetamaniin ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee jijjiirama haala qilleensaa damdamachuun, nyaataan ofdanda’uu akkasumas oomishtummaa qonnaa egeree guddisuu fi bulchiinsa qabeenya bishaaniin walqabatanii jiran egereef gama furuutiin qooda olaanaa kan qabu hojiin ashaaraa magariisaa milkaa’inaan raawwatamaa jira jedhan.

Dureeyyonni Ameerikaa Itiyoophiyaa daawwatanii filmaatota invastimantii akka ilaalan afeeraniiru.

Ameerikaatti ergamaa addaa Itiyoophiyaa fi ambaasaaddarri aangoo guutuu kabajamoo doktar Silashii Baqqalaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin hariiroo dippilomaasii waggoota 120 caalu akka qabdu ibsaniiru.

Daawwannaan hojii aanga’oota olaanoo yeroo addaddaatti taasifamuu eeranii, keessumaa waggaa darbe gareen jilaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’ii hooggantootaa ‘US’  Afriikaa irratti hirmaachuusaa kaasaniiru.

Wayita sanatti ministirri muummee bulchiinsa Ameerikaa, Kongirasii, fi qaamolee damee dinagdee dhuunfaa irratti bobba’an waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii yaadachiisaniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya guddaa qabduu fi filmaatota invastimantii akkasumas onnachiiftuuwwan addaddaa  invastaroonni argachuu danda’an ilaalchisuun foramicharratti ibsi dhihaateera.

Dabalataanis Mariin paanaalii dhalootaan Itiyoophiyaanota milkaa’oo kanneen dameelee invastimantii addaddaarratti bobba’anii fi hooggantoota Ameerikaa addaddaa ofkeessaa qabu taasifameera.

Gaaffilee fi yaada hirmaattotarraa ka’aniif deebii fi ibsi taasifamuusaa odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Waashiingiteen Diisii nimul’isa.

Dureeyyonni Ameerikaa foramicharratti hirmaatan riifoormiin mootummaan taasisaa jiru keessumaa invastaroonni biyya alaa invast akka taasisan haala mijataa uumuuf yaalii taasifamudinqisiifachuunsaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015