Magaalaa Shaggaritti lammilee waldaan ijaaramaniif liqaan birrii miliyoona 300 olii kennameera

38

Ebla 14/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggaritti lammilee waldaan gurmaa'anii hojjetaniif liqaan birrii miliyoona 300 kennamuu Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Shaggar beeksisan.

Ogeeyyiin miidiyaa dhaabbilee adda addaarra walitti dhufan magaalaa Shaggar kutaalee magaalaa adda addaaitti hojii carraa hojii uumuurratti hojjetama jiru daawwataniiru.

Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo wayita kana akka himanitti; bulchiinsi magaalicha bara bajataa kanatti kallattiwwan xiyyeeffannoo afur adda baasuun gara hojiitti galuu beeksisaniiru.

Kallattiiwwan xiyyeeffannoo kunneenis, Wabii midhaan nyaataa mirkaneesuu, Dargaggoota abbootii ogummaa taasisuu, carraa hojii uumuu jabeesuu fi adeemsa kennisa tajaajila ammayyeesuu ta'uu himaniiru.

Ji'oota salgan darban magaalichatti Intarpiraayizootaa kuma 7 gurmeesuu fi lammilee kuma 115 oliif carraa hojii uumuun danda'amuu eeraniiru.

Lammilee waldaan gurmaa'anii gara hojiitti galaniif bakka itti hojjetan qopheesuu, liqaa fi leenjiin gahaan kennamuufiis himaniiru.

Lammilee waldaan gurmaa'anii hojjetaniif deeggarsa liqaa birrii miliyoona 400 kennuuf karoorfamee hanga ammaatti liqaa birrii miliyoona 300 kennuun danda'amuus eeraniiru.

Lammileen waldaan gurmaa'anii magaalichatti hojjetanis bulchiinsi magaalichaa bakka itti hojjetan mijeesuufii, akkasuma liqaa fi leenjii kenneefii gara hojiitti galuu isaanii himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015