Wabii midhaan nyaataa Afrikaa mirkaneesuuf mala qonnaa tekinolojiin deeggarame cimsuu barbaachisa

37

Ebla 14/2016 (TOI - Wabii midhaan nyaataa Afrikaa mirkaneesuuf mala qonnaa tekinolojiin deeggarame cimsuu barbaachisa jedhan Ministirri Tekinolojii fi Innoveeshinii doktar Ballaqaa Mollaa.

Itoophiyaan mala qonnaa tekinolojiin deeggaramee babal'isuun wabii midhaan nyaataa mirkaneesuuf xiyeeffannoon hojjechaa jirachuus doktar Ballaqaan Mollaan himaniiru.

Ministirichi kana kan jedhan sirna bannisa yaa'ii saayinsii, tekinolojii fi innoveeshinii Afrikaa 6ffaa Komishiinii dinagdee Afrikaatti guyyoota lamaaf geggeeffama jiru irrattidha.

Yaa'ichi ''Ajandaa misooma waaraa 2030 milkeesuu fi bara 2063tti Afrkaarra hiyyummaa balleesuuf tekinolojii fi furmaataawwaan kalaqaa sirriitti hojiirra oolchuu'' mata duree jedhuun geggeeffama jira.

Ministirri tekinolojii fi Innooveeshinii doktar Ballaqaa Mollaa Afrikaan imaala abdachiisaarra jiraatus rakkoowwan haga ammaatti irra hin ceenetu jiru jedhaniiru.

Rakkoowwaan kana keessaa hiyyummaa, hir'isuu nageenyaa, tasgabbii fi misooma waaraa mirkaneessuu dhabuu ta'uu eeranii; kana keessaa bahuuf Afrikaadhaaf saayinsii,tekinolojii fi kalaqni furmaata ijoodha jedhaniiru.

Damee Qonna, humna haaromaa fi fayyaa irratti kalqa tekinolojii hojiirra oolchuun haala jiruu fi jireenya fooyyesuu, carraa hojii uumuu babal'isuufi hiyyummaa hiri'usuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015