Oomisha sibiilaa dabaluun qaama imaammata misooma industirii keenyaati

56

Ebla 10/2016 (TOI) - Oomisha sibiilaa dabaluun qaama imaammata misooma industirii keenyaati jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad

Investimentii kallattiin alaa galu fayyadamuunis shiboowwaniifi utubaawwan qulqullina qaban eleektirikaafi teeleef oolan biyyuma keessaa dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Dabalataanis hojii oomisha konkolaattotaafi meeshaalee jijjiirraa konkolaattotaa daawwannaan arganitti gammadeera jedhan.

Hojiin kunis kaampaaniiwwan biyya keessaan hojjetamuun kan nama jajjabeessu ta’uu beeksisaniiru, ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015