Imala Industiraalaayzeeshinii si’achiisuuf sosochii biyyaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun bu’aaleen galmeeffamaa jiru

48

Ebla 09/2016(TOI)- Imala Industiraalaayzeeshinii si’achiisuuf  sosochii biyyaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun bu’aaleen galmeeffamaa jiru jedhan ministirri industirii obbo Nalaakuu Allabal.

Obbo Malaakuu Allabal jila mootummoota gamtoomanitti maaneejiing daarekataraa kalaqa galmoota misooma egeree dhaabbata misooma industirii fi tiraanisfoormeeshinii dinagdee Guntar Begeriin durfamu waliin mari’ataniiru.

Mariinsaaniis hojiirra oolmaa sagantaa paarkiiwwan industirii oomishoota qonnaa qiqindeessanirratti xiyyeeffachuun dinagdee guddisuuf tumsa biyyaalessaa (PCP), jiddugaleessa dandeettii misoomaa egeree guddisuurratti kaayyeffate  hundeessuu fi dhimmootaa tumsa waloo taasisan biroorratti akka xiyyeeffate ibsameera.

Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbata misooma industirii (UNIDO) waliin paarkiiwwan industirii qindaa’aa oomishaalee qonnaa qiqindeessu bu’a qabeessa taasisuun yaaliin jireenya qonnaa fi horsiisaan bulaa fooyyessuun industiraalaayzeeshinii dinagdee dhugoomsuuf taasifamuun hojiiwwan tumsaa abdi qabeessi hojjetamaa jru jedhaniiru.

 
Paarkiiwwan agiroo industirii qonnaan bultoonni lafa xiqoo qaban oomisha qonnaa qulqullina qabu heddumminaan oomishuun industiriiwwaniif dhiheessuun dnandeettiisaanii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Tiraanisfoormeeshinii qonnaa wayita yaannu industiriiwwan oomisha qonnaa qiqindeessan deeggaruun akka barbaachisu ministirichi kaasaniiru.

Imala industiraalaayzeeshinii Itiyoophiyaa si’achiisuuf sosochii biyyaalessaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun milkaa’inoonni onnachiisoon galmeeffamaa jiru jedhaniiru.

Deeggarsa dhaabbanni misooma industirii mootummoota gamtoomanii (UNIDO)n taasisaa jiruuf galateeffatanii milkaa’ina kaayyoo sosochii kanaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.

Mootummoota gamtoomanitti maaneejiing daarekataraa kalaqa galmoota misooma egeree dhaabbata misooma industirii fi tiraanisfoormeeshinii dinagdee Guntar Beger gamasaaniin hojiirra oolmaa sagantaa tumsa biyyoolessaaf (PCP) waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Dabalataanis waliigaltee jiddugaleessa ga’oomaa dandeettii misooma egeree guddisuuf kaayyeffate hundeessuuf irra gahame firii akka horatu qooda fudhattoota waliin akka hojjetan dubbachuusaanii odeeffannichi mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015