Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti mallaqa gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida'amuurra argameen manni kitaabaa ijaarama jira

46

Ebla 10/2016 (TOI) - Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti mallaqa gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida'amuurra argameen manni kitaabaa uummataa ijaaramaa jirachuu Biiroon aadaa fi Turizimii bulchinsa magaalichaa beeksise.

Manni kitaabaa uummataa kunis birrii miliyoona 470'n kan ijaaramu yoo ta'u ji'oota 18 keessaatti xumuramee tajaajila kannuu kan eegalu ta'uu biirichi beeksiseera.

Ijaarsi mana kitaabichaas kan jalqabe Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad maallaqa gurgurtaa kitaaba isaanii Dhaloota Ida'amuu irraa aramuu hanqina bu'uura misooma magaalichi qabu furuu akka ooluu arjoomuu isaaniin jedhamera.
 

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Mikaa'eel Indaalee TOI'tti akka himanitti; manni kitaabaa abbaan darbii jahaa maallaqa gurgurtaa Kitaabaa Dhaloota Ida'amuurra argamuun ijaaramu kun keessaayyu dargaggoonni beekumsa gabbataa akka horatan gahee olaanaa qabaata jedhaniiru.

Manni kitaabaa kun mana kitaabaa muummee dabalatee kutaawwaan kitaani itti dubbifamu adda addaa qabachuu himaniiru.

Akkasumas kutaalee tajaajila mana nyaataa, jiddugala sochii qorannoo hawaasummaa fi dinagdee bulchiinsa magaalichaa kan of keessaa qabu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015