Naannichatti waltajjiin waldaalee hojii gamtaa cimsuu fi ammayyeessuuf akeekkate taa’amaa jira

84

Ebla 14/2016 (TOI)- Naannoo Sidaamaatti Waltajjiin waldaalee hojii gamtaa cimsuu fi ammayyeessuuf akeekkate magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira.

Ittaanaan bulchaa bulchiinsaa naannoo Sidaamaa obbo Bayyanaa Baraasaa, Af-yaa’iin mana maree naannichaa adde Faantaayee Kabbadaa,fi hooggantoonni naannoleerraa sadarkaan jiranii fi hooggantoonni damee addaddaa waltajjicharratti argamaniiru.

Kana malees hooggantoonni waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyeenotaa qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru.

Daarektarri olaanaa ejensii misooma hojii gamtaa naannichaa obbo Shimallis Haxiisaa akka jedhanitti, waldaalee hojii gamtaa riifoormii gochuun kan barbaadameef baay’ina osoo hintaq’iin qulqullinaa fi bu’aqabeessummaatti ceesisuuf akeekameetu.

Haala Kanaan humna waldaalee walitti fiduun waldaalee hojii gamtaa cimaa uumuun akka barbaachisuu fi kun ammoo faayidaa olaanaa akka qabuhimaniiru.

Fayyadama miseensotaa egeree fi nageenya waldaalee mirkaneessuuf riifoormii adeemsisuun barbaachisaa ta’uu beeksisaniiru.

Waltajjii Kanaan cinaatti agarsiifnii fi Baazaariin waldaaleen hojii gamtaa fi Yuuniyeenonni adeemsifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015