Diinagdee
Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetmaa jiran naannolee fi bulchiinsota magaa;laa biroof fakkeenya kan ta’udha-hooggantootaa fi ogeessota komunikeeshinii
Apr 20, 2024 41
Ebla 12/2016 (TOI)- Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetmaa jiran naannolee fi bulchiinsota magaa;laa biroof akka fakkeenyaatti kan fudhatamu ta’uu ta’uu hooggantoonnii fi ogeessonni komunikeeshinii addaddaa dubbatan. Hooggantoonnii fi ogeeyyonni komunikeeshinii waajjiraalee federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaarraa walitti dhufan pirojektoota magaalichattihojjetamanii fi hojjetamaa jiran daawwataniiru. Sagantaa Kanaan paarkii michoomaa fi tokkummaa, masaraa mootummaa isa gadii, yaadannoo Adwaa, manni kitaabaa Abrihoot fi pirojektiin bosonaa daawwatamaniiru. Hoogganaan qajeelcha komunikeeshinii magaalaa Hawaasaa MIrcaayee Dammaqaa TOItti akka himanitti, misoomni Finfinneetti hojjetaman ciminaan yoo hojjetame yeroo gabaabaatti badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuun akka danda’amu agarsiiftuu guddaadha. Sadarkaa biyyaalessaatti pirojektoota hatattamaan xumuruu kan barsiisan fi kutannoo hooggansaa kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hoogganaan qajeelcha komunikeeshinii godina Silxee Saalii Hasan gamasaaniin, pirojektoota naannawa addaddaatti jalqabaman kutannoon xumuruuf hojiilee misoomaa Finfinneerraa muuxannoo guddaa fudhanneera jedhaniiru. Keessumaa pirojektoota godina Silxeetti hojjetamaa jiran hatattamaan xumuruun akka danda’amu baranneerra jedhan. Hojiileen misoomaa jijjiiramaan asitti Itiyoophiyaatti hojjetaman milkaa’oo fi kan nama raajan ta’uu kan dubbatan ammoo hoogganaa waajjira komunikeeshinii godina Koontaa Abbabaa Goobanaati. Maddisiisaan hayidiroo elektiriikii koyishaa, loojiin daanaa Arbaa guddichi Afriikaarraa guddichaa, paarkiin biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa fi pirojektoonni meeggaa kanneen biroo hojiilee milkaa’oo jijjiiramaan asitti godinichatti hojjetaman ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Daarektarri miidiyaa fi hariiroo hawaasaa komunikeeshinii naannoo Hararii Jadiidaa Ahimad gamasaaniin, yaadannoon Adwaa Finfinneetti ijaarame dhaloonni seenaasaa waloo dhugaasirriitti kan itti hubatu ta’uu dubbataniiru. Dhaloonni ammaa gootummaa abbootiinsaa raawwatanirraa ka’ee guddina biyyasaaf qoodasaa bahuu akka qabu kan barsiisudha jedhan.
Gareen jila olaanaa Itiyoophiyaa hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’ate
Apr 19, 2024 66
Ebla 10/2016(TOI)- Gareen jila olaanaa Itiyoophiyaa aanga’oota mootummaa ofkeessaa qabu hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin marii taasisuun ibsame. Gareen jilaa ministira maallaqaa obbo Ahimad Shideen durfamu kun bulchaa baankii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Miratuu, sadarkaa ministiraatti gorsaan olaanaa ministira muummee obbo Taklawald Axinaafuu, de’eetaa ministira maallaqaa doktar Ittoob Takkaaliny fi aanga’oona mootummaa olaanoo ofkeessaa qaba. Gareen jilaa kun maaneejiing daarektarii dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Kiriistaaliinaa Ji’orjeevaa, ittaanaa pirezidaantii baankii addunyaa fi hoogganaan Afriikaa bahaa fi kibbaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa, ittaanaa pirezidaantii misooma idil addunyaa baankii addunyaa Akiihikoo Niishiiyoonaa, hooggantoota olaanoo baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqqaa addunyaa waliin wal arganiiru. Haalli dinagdee Itiyoophiyaa fi abdii egeree, dinagdee tasgabbaa’aa waliigalaa biyyaalessaa fiduuf riifoormii dinagdee hojjetamaa jiruu, guddina dinagdee fi carraa hojii uumuu, oomishtummaa guddisuu fi dinagdee dhuunfaa mijeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran dhimmoota waltajjicharratti kaafamanidha. Dhaabbileen lamaan hojiilee Itiyoophiyaan dinagdee tasgabbeessuu fi qaala’insa gatii furuuf hojjetamaa jiran akkasumas sagantaa fooyyessa biyyaalessaa bogonnaa lammaffaa Itiyoophiyaatti taasifamaa jiran dinqisiifataniiru. Dabalataanis baankiin addunyaa fi dhaabbanni maallaqaa addunyaa sagantaa fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaan adeemsisaa jirtu humna guutuun hojeessuu gama dandeessisuun deeggarsa taasisuu fi waliin hojjechuurratti marii taasisaniiru.
Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biltootaa fayidaa hedduu qaban miliyoona 3 ol dhaabuuf qophaa'a jiru
Apr 18, 2024 55
Ebla 10/2016(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan biltootaa fayidaa hedduu qaban miliyoona 3 ol dhaabuuf qophaa'a jiru Waggoota darban sagantaa ashaaraa magariisaan bilqtoonni dhaabaman miidhagna naannaawwaa dabaluu fi qabeenya uumamaa mancaatti irraa baraaruun cinaatti wabii midhaan nyaata qonnaan bultoota mirkaneessuu keessaatti gahee olaanaa baha jirachuu Abbaan Taayitaa kununsa qabeenya uumamaa, bosonafi jijjirama qabeenya qilleensa beeksiseera. Kununsa naannoo sadarkaa fooyyeeqabutti guddisuu fi fayyadamummaa mirkaneesuuf bara kanas sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona sadii ol dhaabuuf qophiin taasifama jirachuu beeksiseera. Abbaa Taayitichaatti daarektarri eegumsaa fi misooma Bosonaa Masrashaa Yimar TOI'tti akka himanitti; biqiltoonni sagantaa kanaan waggootan darban dhaabaman bakkeewwan bosonni irraa manca'ee deebi'anii akka misooman taasisuun danda'ameera jedhaniiru. Kanaanis burqaawwan bishaanii kanaan dura goganii tura deebi'anii kan maddaan yoo ta'u binesoonni bosonaa badanii turanis deebi'aniiru jedhaniiru. Keessattu naannaawwaa irra deddebiin hongeen miidhaman baadiyyatti fuduraaleen dhaabbaman qonnaan bultootaaf madda galii dabalataa ta'aa jira jedhaniiru. Biiroo qonnaa, bishaanii fi inarjii buchiinsa magaalaa Dirre Dawaa waliin ta'uun hojiiwwaan kana sadarkaa kana caalaa fooyyee qabutti ceesisuuf bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biltoonni miliyoonni 3 qophaa'a jiru jedhaniiru. Haga ammaatti buufatalee biqiltuu 20 keessaatti biqiltuu qophaa'aa jiru keessaa miliyoonni 1.9 dhaabbiif gahaniiru jedhaniiru.
Dinagdeen Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban qormaata isa mudate damdamatee guddina galmeessisaa jira-obbo Ahimad Shidee
Apr 18, 2024 39
Ebla 10/2016(TOI)- Dinagdeen Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban qormaata alaa fi keessaa isa mudate damdamatee guddina galmeessisaa akka jiru ministirri maallaqqa obbo Ahimad Shidee ibsan. Embaasiin RDFI Waashiingiteen Diisiitti argamu Waafaa maarkeetiingii fi piroomooshinii waliin ta’uun fooramiin biizinasii fi invastimantii Itiyoo-Ameerikaa Waashiingiteen Diisiitti adeemsifameera. Ministirichi wayita kana akka jedhanitti , waggoota muraasa darban qormaatonni addaddaa allaa fi keessaa Itiyoophiyaa mudatanis dinagdeenshee qormaatilee kanneen damdamachuun ammallee guddachaa jira. Sababnisaashojiin riifoormii fi hojiilee invastimantii bu’ura misoomaa gurguddoo mootummaan hojjetamaniin ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee jijjiirama haala qilleensaa damdamachuun, nyaataan ofdanda’uu akkasumas oomishtummaa qonnaa egeree guddisuu fi bulchiinsa qabeenya bishaaniin walqabatanii jiran egereef gama furuutiin qooda olaanaa kan qabu hojiin ashaaraa magariisaa milkaa’inaan raawwatamaa jira jedhan. Dureeyyonni Ameerikaa Itiyoophiyaa daawwatanii filmaatota invastimantii akka ilaalan afeeraniiru. Ameerikaatti ergamaa addaa Itiyoophiyaa fi ambaasaaddarri aangoo guutuu kabajamoo doktar Silashii Baqqalaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan Ameerikaa waliin hariiroo dippilomaasii waggoota 120 caalu akka qabdu ibsaniiru. Daawwannaan hojii aanga’oota olaanoo yeroo addaddaatti taasifamuu eeranii, keessumaa waggaa darbe gareen jilaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’ii hooggantootaa ‘US’ Afriikaa irratti hirmaachuusaa kaasaniiru. Wayita sanatti ministirri muummee bulchiinsa Ameerikaa, Kongirasii, fi qaamolee damee dinagdee dhuunfaa irratti bobba’an waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya guddaa qabduu fi filmaatota invastimantii akkasumas onnachiiftuuwwan addaddaa invastaroonni argachuu danda’an ilaalchisuun foramicharratti ibsi dhihaateera. Dabalataanis Mariin paanaalii dhalootaan Itiyoophiyaanota milkaa’oo kanneen dameelee invastimantii addaddaarratti bobba’anii fi hooggantoota Ameerikaa addaddaa ofkeessaa qabu taasifameera. Gaaffilee fi yaada hirmaattotarraa ka’aniif deebii fi ibsi taasifamuusaa odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Waashiingiteen Diisii nimul’isa. Dureeyyonni Ameerikaa foramicharratti hirmaatan riifoormiin mootummaan taasisaa jiru keessumaa invastaroonni biyya alaa invast akka taasisan haala mijataa uumuuf yaalii taasifamudinqisiifachuunsaanii ibsameera.
Tumsa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf taasifamuuf deeggarsi aamolee deeggartootaa murteessaadha-ministeera qonnaa
Apr 17, 2024 44
Ebla 09/2016(TOI)- Tumsa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf taasifamuuf deeggarsi aamolee deeggartootaa murteessaa ta’uusaa ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee ibsan. Ministirri qonnaa diktar Girmaa Amantee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Jaappaan Hiiroo Shibaataa waliin misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaarratti mootummaa Jaappaan waliin hojjechuuf akka danda’amu mari’ataniiru. Marii kanaanis Itiyoophiyaan mootummaa Jaappaan waliin michooma bara dheeraa akka qabdu ministirichi yaadachiisanii, deeggarsa mootummaan Jaappaan misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaarratti taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Bu’aa quubsaa misooma Qamadii jallisiirratti argame ibsanii, injifannoo misooma Qamadii jallisiirratti argame Ruuziin dabaluuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiruuf. Haala Kanaan yeroo jalqabaaf naannoo Somaaleetti lafa heektaara kuma 3 irratti jallisiin Ruuzii oomishuuf karoorfamuu ministirichi eeranii, misooma Ruuzii jallisii babal’isuuf yaalii taasifamuuf mootummaan Jaappaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafataniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Hiiroo Shiibaataa gamasaaniin, qonnaan bultoota misooma Ruuzii, Hoortiikaalcharii fi Bunaatiin lafa xiqqaa qabaniif deeggarsa mootummaansaanii gabbisa dandeettii fi dhiheessii galteen taasisaa jiru ibsaniiru. Mootummaan Jaappaan deeggarsa taasisu cimsee Kan itti fufu ta’uu ambaasaaddarichi mirkaneessuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa. Ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee fi ambaasaaddarri Hiiroo Shiibaataa dhimmoota fuulduraarratti bal’inaan mari’achuun waliigalteerra gahuunsaanii himameera. Mootummaan Jaappaan qonnaan bultoota naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Itiyoophiyaa Kibbaa fi Itiyoophiyaa Jiddugaleessaatti lafa xiqqaa qaban deeggaraa akka jiru eeraniiru.
Imala Industiraalaayzeeshinii si’achiisuuf sosochii biyyaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun bu’aaleen galmeeffamaa jiru
Apr 17, 2024 49
Ebla 09/2016(TOI)- Imala Industiraalaayzeeshinii si’achiisuuf sosochii biyyaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun bu’aaleen galmeeffamaa jiru jedhan ministirri industirii obbo Nalaakuu Allabal. Obbo Malaakuu Allabal jila mootummoota gamtoomanitti maaneejiing daarekataraa kalaqa galmoota misooma egeree dhaabbata misooma industirii fi tiraanisfoormeeshinii dinagdee Guntar Begeriin durfamu waliin mari’ataniiru. Mariinsaaniis hojiirra oolmaa sagantaa paarkiiwwan industirii oomishoota qonnaa qiqindeessanirratti xiyyeeffachuun dinagdee guddisuuf tumsa biyyaalessaa (PCP), jiddugaleessa dandeettii misoomaa egeree guddisuurratti kaayyeffate hundeessuu fi dhimmootaa tumsa waloo taasisan biroorratti akka xiyyeeffate ibsameera. Mootummaan Itiyoophiyaa dhaabbata misooma industirii (UNIDO) waliin paarkiiwwan industirii qindaa’aa oomishaalee qonnaa qiqindeessu bu’a qabeessa taasisuun yaaliin jireenya qonnaa fi horsiisaan bulaa fooyyessuun industiraalaayzeeshinii dinagdee dhugoomsuuf taasifamuun hojiiwwan tumsaa abdi qabeessi hojjetamaa jru jedhaniiru. Paarkiiwwan agiroo industirii qonnaan bultoonni lafa xiqoo qaban oomisha qonnaa qulqullina qabu heddumminaan oomishuun industiriiwwaniif dhiheessuun dnandeettiisaanii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Tiraanisfoormeeshinii qonnaa wayita yaannu industiriiwwan oomisha qonnaa qiqindeessan deeggaruun akka barbaachisu ministirichi kaasaniiru. Imala industiraalaayzeeshinii Itiyoophiyaa si’achiisuuf sosochii biyyaalessaa Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojeessuun milkaa’inoonni onnachiisoon galmeeffamaa jiru jedhaniiru. Deeggarsa dhaabbanni misooma industirii mootummoota gamtoomanii (UNIDO)n taasisaa jiruuf galateeffatanii milkaa’ina kaayyoo sosochii kanaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu gaafachuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa. Mootummoota gamtoomanitti maaneejiing daarekataraa kalaqa galmoota misooma egeree dhaabbata misooma industirii fi tiraanisfoormeeshinii dinagdee Guntar Beger gamasaaniin hojiirra oolmaa sagantaa tumsa biyyoolessaaf (PCP) waliin akka hojjetan ibsaniiru. Dabalataanis waliigaltee jiddugaleessa ga’oomaa dandeettii misooma egeree guddisuuf kaayyeffate hundeessuuf irra gahame firii akka horatu qooda fudhattoota waliin akka hojjetan dubbachuusaanii odeeffannichi mul’iseera.
Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan gabaafillee dhiheessa jiru
Apr 16, 2024 53
Ebla 8/2016(TOI) - Magaalaa Adaamaatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaadan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu Waajjirri Qonnaa magaalichaa beeksise. Magaalichatti guyyaatti Buuphaan sagantaa kanaan oomishame kumni 350 ol gabaaf dhihaachaa jirachuu waajjirichi beeksiseera. Waajjirichatti dursaan garee misooma beelladaa obbo Abtaamuu Lammaa TOI'tti akka himanitti; magaalichaatti sagntaa Maaddii guutuu fi qonna magaalaa babal'isuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jira. Hanga ammatti godina shawaa bahaa aanaa Adaamaarra gara magaalaa Adaamaatti gandoonni dabalaman 28 keessatti hojiin horiisa lukkuu, oomisha aannanii fi misoomaa beelladoota fooniif oolanii akkasuma horsiisa kanniisaa fi misooma fuduraa fi muduraa hojjetama jira jedhaniiru. Keessattu kutaawwan magaalaa Adaamaa 6 fi aanaalee adda addaatti sagantaa Maaddii Guutuu karaa milkaa'a ta'een hojiirra oolfama jirachuu himaniiru. Jiddugalli horsiisa lukkuu, misooma beelladaa fi oomisha aannanii, akkasuma hojii horsiisa kanniisaaf kan oolana kumani 1 fi 285 dureeyyoota, hawaasaa fi bulchiinsa magaalichaan ijaaramanii tajaajilaaf gahuu isaanii obbo Habtaamuun himaniiru. Ijaarsa jiddugalaawwan kunneen dhiheesii maallaqaa callaa, lafa fi humnaan kaappitaallii birrii biliyoona 5.5 ta'u baasii itti ta'uu himaniiru. Sagantaa Maaddii Guutuu kana irratti kanneen hirmaachaa jiran manatti hanga Buuphaa isaan barbaachisuu guuttachuun cinaatti guyyaatti waliigalaan gara buuphaa kuma 350 olii gabaaf dhiheessa jirachuu himaniiru. Haaluma kanaan gabaa irratti kanaan dura gatii buuphaa birrii 12 ture yeroo ammaa gara birrii 8 gad bu'uu himaniiru. Haaluma wal fakkatuun gatiin aannanii kanaan duara liitirri tokko birrii 80 ture yeroo ammaa gara birrii 60'tti gad bu'uu eeraniiru. Sagantaa maaddii guutuu kana caalaatti milkaa'aa taasisuuf jiddugalawwan ijaaraman guutummaatti hojiitti galchuun xiyyeeffannan hojjetama jedhaniiru. Magaalichatti kanneen hojii sagantaa Maaddii Guutuurratti hirmaatan oomisha aannani fi buuphaa oomishaan ofiin hanga barbaan guuttatanii gabaafillee dhiheessa jiraachuu himaniiru.
Qonna Arfaasaa Baranaatiin naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol irra midhaan addaddaa facaasuun jalqabame
Apr 16, 2024 42
Ebla 08/2016(TOI)- Qonna Arfaasaa Baranaatiin naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol irra midhaan addaddaa facaasuun jalqabamuu biiroon qonnaa naannichaa ibse. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi hooggantoonni mootummaa naannichaa biroon bakka argamanitti hojiin qonna Arfaasaa baranaa godina Baalee aanaa Sinaanaatti jalqabameera. Hoogganaan biirichaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 2 ol midhaan addaddaan oomishamuurratti argama. Misoomichi mekaanaayizeeshinii fi mala qonnaa oomishaa fooyya’een adeemsifamaa jira jedhaniiru. Qonni Arfaasaa baranaa bu’a qabeessa akka ta’u xaa’oon kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 7 ol qonnaan bulaaf raabsamuu subbataniiru. Gurgurtaan xaa’oo dijitaalaan taasifame qonnaan bulaa xaa’oo dafee akka argatu taasisuun alatti alseerummaa akka hambisu dubbataniiru. Misooma Arfaasaa, gannaa fi misooma jallisii boneetiin barana naannichatti lafti bal’aan midhaan addaddaan misoomsuuf karoorfameera jedhan obbo Geetuun. Hoogganaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Alitti Mahaammad gamasaaniin gamasaaniin godinichatti qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara kuma 221 ol midhaan addaddaan misoomsuun raawwatamaa jira. Qonnaan bultoota aanaa Sinaanaa keessaa obbo Baqqalaa Katamaa yaada kennaniin, wayitii Arfaasaa baranaatiin hojmaatota mala qonnaa fooyya’an fayyadamuun oomisha gaarii walitti qabuuf haal dureen taasifamuusaa ibsaniiru. Galteen qonnaa barana yeroon dhihaachuunsaa yeroo facaasaa bu’a qabeessa akka taasisu kan ibsan ammoojiraataa aanichaa qonnaan bulaa Taaddasaa Abbabaati. Yeroo ammaa qonnaan bulaan qophii maasaa xumuree rooba Arfaasaa roobuu jalqabetti fayyadamuun kilaastaraan misoomsaa akka jiran dubbataniiru.
Godina Gujiitti Qamadii bishaan addaddaan misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona tokko caalu walitti qabame
Apr 16, 2024 48
Ebla 08/2016(TOI)- Godina Gujiitti Qamadii bishaan addaddaan misoomerraa oomishni kuntaala miiliyoona tokko caalu walitti qabamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Ittigaafatamaan waajjirichaa obbo Taaddasaa Buzunaa bona baranaa qofa godinichatti lafa heektaara kuma 41 fi 400 irra Qamadiin faca’eera. Oomishtummaa guddisuuf sanyiin filatamaa fi xaa’oon kuntaala kuma 35 fi 900 faayidaarra ooluu dubbataniiru. Lafa kanarraa oomisha qamadii bonee kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 2 caalu walitti qabuuf karoorfamuu beeksisaniiru. Oomisha sassaabuuf kombaayinaroota fayyadamuusaanii ibsaniiru. Amma ammaatti oomisha kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 1 ol gombisaatti galfamuu eeraniiru. Lafti barana Qamadii boneen misoome kan bardheengaddaa heektaara kuma 20’n akka caaluu fi oomishni eegamus kuntaala kuma 530’n nicaala jedhan. Bishaan addaddaa fayyadamuun lafti Qamadii boneen misoomu dabalaa dhufuu ibsanii, oomishni walitti qabamus wagga waggaan dabalaa dhufuu eeraniiru. Godinichatti jiraataan aanaa Girjaa obbo Maarqoos Barraaqoo qonnaan bultoota misooma Qamadiitti barana hirmaatan keessaa tokko akka ta’an ibsaniiru. Midhaan bardheengaddaa argatan kunuunsa dhabuu fi calla guddistuutti fayyadamuu dhabuun oomishni argatan quubsaa akka hintaane niyaadatu. Barana bishaan addaddaa fayyadamuun lafa heektaara lama misoomsuun amma ammaatti oomisha kuntaala 30 ol walitti qabuusaanii ibsaniiru. Jiraataan aanaa Adoolaa Redee obbo Duub Waaqoo gamasaaniin misooma qamadii bonee waggaa sadiif oomishaa akka turan eeraniiru. Rooba eeguun oomishni waggaatti altokko qofa oomishamu nyaatarra darbee gabaaf ooluu akka hindandeenye niyaadatu. Hojii misooma Qamadii bonee erga jalqabanii asitti waggaatti al lama oomisha akka walitti qabanii fi gabaaf akka dhiheessan eeraniiru. Barana qamadii lafa heektaara lamarratti misoomsanirraa kuntaala 60 akka abdatan ibsaniiru. Oomisha kana dafanii walitti qabuun arfaasaa kanatti boloqqee facaasuuf karoorfachuusaanii dubbataniiru.
Qabeenya bishaanii godinichi qabu misooma qonnaaf hojiirra oolchuuf bu'uuraalee misooma dandeesisan hojjetama jiru.
Apr 16, 2024 45
Ebla 8/2016(TOI) - Qabeenya bishaanii godinichi qabu misooma qonnaaf hojiirra oolchuuf bu'uuraalee misooma dandeesisan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri misooma Jallisii godina Iluu abbaa Booraa beeksise. Itti gaafatamtuun waajjira misooma Jallisii godinichaa aadde Dammaquu Tafarraa ; yeroo ammaa godinicha aanaalee adda addatti hojiin bu'uuralee misoomaa jallisii sagal xiyyeeffannoon hojjetama jiru. Qabeenya bishaanii godinichi qabuun yoo madaalamu yeroo ammaa misoomni jallisii jiru gahaa kan hin taane ta'uu himanii; haala kana jijjiruun qonnaan bultoonni eeggatummaa roobaa jalaa bahanii waggaatti yeroo baay'ee oomishuu akka danda'aniif hojjetama jira jedhaniiru. Keessattu oomisha Qamadii, ruuzii fi kanneen biroo irratti bal'inaan hojjechuun wabii midhaan nyaataa mirkaneesuuf hojii bu'uuraalee misooma jallisiif oolan baba'isuun xiyyeeffannaan hojjetama jira jedhaniiru. Godinichatti wayita ammaa lafa heektaara kuma 100 ol jallisiin misoomsuun akka danda'ame himanii; fedhiin gama kanaan jiru dabalaa waan jiruuf fedhii kan guutuu kan danda'u pirojeektoonni misooma jallisiif oolan lama birrii miliyoona 400 ijaaramaa jiru jedhaniiru. Pirojeektoonni kunneen aanaa Algee Shachii laga Seesee irrattii fi aanaa Daarimuutti ijaarama kan jira ta'uu himanii; hojiin isaanii bara bajataa kana kan xumuaramuu yoo ta'u yeroo xumuramanis lafa heekataara kuma 2 ol misoomsuu danda'u jedhaniiru. Jiraatonni aanaa Algee Sachii fi Daarimuus pirojeektoonni kun hojii misooma jallisii kanaan dura bifa aadaan hojjetan ammayyeessuun fayyadamummaa isaanii caalaatti ni mirkaneessa jedhanii akka abdatan himaniiru. Pirojeektiin kun daraggoota hojii dhabeeyyiifis carraa hojii kan uumuudha jedhaniiru. See insights and ads Boost post All reactions: 11
Qamadii karaa addaddaa misoomsuun oomisha alaa galu hambisuun danda’ameera-ministeera qonnaa
Apr 16, 2024 31
Ebla 08/2016(TOI)- Mootummaan xiyyeeffannoo guddaa kenneen qamadii karaa addaddaa misoomsuun oomisha alaa galu hambisuun danda’amuusaa de’eetaan ministira qonnaa doktar Mallas Mokonnon ibsan. De’eetaan ministirichaa Jila magaalaa Naayijeeriyaa magaalaa Jigaawaa misooma qamadii Itiyoophiyaatti galmaa’aa jirurraa muuxannoo fudhachuuf dhufe waliin mari’ataniiru. Itiyoophiyaan Qamadii qulqullinaa fi baay’inaan oomishaa akka jirtu de’eetaan ministiraa doktar Mallas Mokonnin marii kanarratti ibsaniiru. Badhaadhina qabeenyaa qamadiirratti hundaa’e uumuuf qonna qamadii jallisii babal’isuun, dhiheessii galtee fi tajaajila liqaa bal’inaan dhiheessuun akka barbaachisu marii kanaan kaafameera. Itiyoophiyaan Qamadii qulqullinaa fi baay’inaan oomishaa akka jirtu jila kanaaf ibsanii haala Kanaan misooma Qamadiitiin ofirra darbitee gabaa alaaf dhiheessaa jirti jedhan de’eetaan ministiraa doktar Mallas Mokonnin. Xiyyeeffannoo guddaa mootummaan damee kanaaf kenneen Qamadii karaa addaddaa misoomsuun oomisha alaa galu hambisuun akka danda’ame ibsaniiru. Miseensonni jilaa Naayijeeriyaa magaalaa Jigaawaarraa dhufan gamasaaniitiin Itiyoophiyaan misooma qamadiin ofdanda’uurra darbitee oomisha gabaa alaaf dhiheessuun biyya waan hindanda’amne dandeessedha jedhan. Jilli kun muuxannoo kana fudhachuun biyyasaaniitti babal’isuuf yaalii taasisaniin gargaarsa Itiyoophiyaa akka barbaadan ibsuusaanii odeeffannoon ministeera qonnaarraa argame nimul’isa. Biyyoota Sahaaraan gadi jiraatan keessaa heddumminaan Qamadii kan oomishtu Itiyoophiyaan jiddugaleessota qorannoo teeknooloojiin Qamadii akka babal’atu gargaaru kan hundeessitu yoo ta’u, sanyiiwwan Qamadii jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu danda’an 145 akka beeksifte eerameera. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Naayijeeriyaa ambaasaaddar Amiinuu Naagiir marii kanarratti hirmaachuunsaanii ibsameera.
Deenmaark deeggarsa damee qonnaa Itiyoophiyaaf taasiftu cimsitee itti ni fufti
Apr 16, 2024 26
Ebla 08/2016(TOI)- Deenmaark deeggarsa damee qonnaa Itiyoophiyaaf taasiftu cimsitee itti fuftu beeksifte. Ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee jila dura taa’aa mana maree imaammata misoomaa Deenmaark Aan MeetKiijaariin durfamu waliin mari’ataniiru. Itiyoophiyaa fi Deenmaark dhimmoota hedduu keessumaa damee misooma qonnaatiin biyyoota hariiroo cimaa qaban ta’uun marii kanarratti kaafameera. Deeggarsii fi tumsi deenmaark damee qonnaatiin Itiyoophiyaaf taasisaa jirtu haala fuulduratti cimee ittifufurratti mari’ataniiru. Qonni dinagdee Itiyoophiyaaf ijoo ta’uusaa fi oomishtummaa fooyya’aatti ceesisuuf tumsa taasifamaa jiruun deeggarsa Deenmaark amma ammaatti taasifteef ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee galateeffataniiru. Qonna ammayyeessuuf hojiileen hedduun hojjetamuusaanii fi dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa dhiibbaa damee qonnaarraan gahu hir’isuuf waggoota shaman darban sagantaa ashaaraa magariisaa hojjeessuun biqiltuun biiliyoona 32 tuqaa 78 dhaabamuu garee jilaa kanaaf ibsaniiru. Bu’aan Inisheetiivota misooma qamadii jallisii fi dhaala leemataan galmaa’aa jiru damee qonnaa baay’ee guddisaa akka jiru ibsaniiru. Mootummaan damee qonnaatiin keessumaa sagantaa seeftiineetii misoomawaa, kilaastara komershaalaayizeeshinii qonnaa, misooma magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu danda’u fi hojiiwwan birootiin hojjetamaa jiran garee jilaa kanaaf ibsi taasifameera. Deenmaark deggarsa oomishtummaa damee qonnaa guddisuun cehumsa damichaa fi sirna nyaataa dhugoomsuuf hojii mootummaan hojjechaa jiruuf deeggarsa taasiftu fuulduras cimsitee akka ittifuftu marii kanarratti kaafameera. Gareen jilaa kun hojiilee damee qonnaa keessumaa sagantaa seeftiineetii misoomawaa, kilaastara komershaalaayizeeshinii qonnaa fi misooma magariisaatiin hojjetamaa jiran ilaalchisuun ibsa taasifameef galateeffachuusaanii odeeffannoon ministeerichaarraa argame nimul’isa.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015